- Bitooteessa bara 2014 irraa egalee hanga Waxabajjii 2015 tti Daangaa Eegdonni biyya Sawudii Arabiyaa, godaantotaa fi koolu gaafattoota biyya Itiyoophiyaa kan daangaa Yemeniifi Saaudii giddu qaxxaamuruu yaalan dhibbaan kan lakkawaman ajjeesani.
- Gaggeessitoonni Saawudii gar tokkoon fakkii biyyaa isaanii tolchuuf qarshii biliyoonota spoortii adda adda irratti kan baasan yoo ta’ellee, haala addunyaa jalaa dhokateen garuu dubartootaa fi daa’imman dhibbaan lakkawan ajjeesaa jiru.
- Saawudii Arabiyaan poolisii godaantotaa fi koolu gaafattoota irratti humna ajjeechaa fayyadamuu jajjabeessu kamillee hatattamaa fi ariitiidhaa hojjirra oolchuu dhaabuu qabdi. Biyyoonni dhimmi kun isaan ilaallatuu itti gaafatamummaa fiduuf dhiibbaa gaggeessuutu irra jiraata, akkasuma Dhabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) qorachuu qaba.
(London) - Bitooteessa bara 2014 irraa egalee hanga Waxabajjii 2015 tti daangaa Eegdonni biyya Sawudii Arabiyaa, godaantotaa fi koolu gaafattoota biyya Itiyoophiyaa kan daangaa Yemeniifi Saaudii giddu qaxxaamuruu yaalan dhibbaan kan lakkawaman ajjeesaniiru jedha dhaabbanni Human Rights Watch ripoortii har’a baaseen. Kan raawwatame kun poolisiiwwan Saudii Arabiyaan godaantota ajjeesuuf baasteen kan raawwatame yoo ta’e, ajjeechaawwan raawwatamanii, fi ammas kan itti fufee jiru kun, akka yakka namooma irratti raawwatame tahee ilaalama.
Gabaasa fuula 73, “”Akka bokkaatti dhukaasa nurratti roobsan’: Ajjeechaa jumlaa Sa’udii Arabi’aan godaantota Itiyoophiyaa daangaa Yemeniifi Saawudii irratti.” Goodaantota baay’ee ajjesuuf daangaa egdonni biyya Sawudii Arabiyaa meeshaawwan dho’iinsaa fi, goodantota kaan immoo dhiyeenyarra dhaabbachuun kan itti dhukaasan yoo ta’u, dubartoota hedduu fi daa’imman dabalatee dhukaasa qindaawaa irratti gaggeessaniiru. Yeroo adda addaattis, daangaa egdonni biyya Sawudii Arabiyaa kunneen qamakee keessaa kam akka si rukunnu filadhu jechuun goodaantota gaafachuun, itti dhihaatanii dhaabachuun dhiyeena irraa itti dhuakaasaniiru. Daangaa egdonni biyya Sawudii Arabiyaa kunneen godaantota baqatanii gara Yemenetti deebi’uu yaalan irratti meshaalee dho’iinsaa dhukaasaniiru.
“Gaggeessitoonni Saawudii haala addunyaa jalaa dhokateen godaantotaa fi koolu gaafattoota dhibban lakkaawaman ajjeesaa jiru,” Jedhu, dhaabbata Human Rights Watchiitti, qorattuu mirga baqattootaa fi godaantotaa kan taate, Nadia Hardman. Fakkii biyya Saawudii tolchuuf qarshii biliyoona baasuun taphattoota tapha Golfii, Kilabii kubbaa miilaa, fi taateewwan bashannansiisoo gaaggeessuun yoomiyyuu yakkoota hamoo gaggeeffamaa jiran kunneen irraa xiyyennaffannoo dabsuun irra hinjiraatu.”
Dhabbanni Human Rights Watch namoota 42 kan interviwuu godhe yoo ta’u, kunis godaantotaa fi koolu gaafattoota Itoophiyaa 38 kan ta’an bitootessa 2014 hanga Waxabajjii 2015 tti kan daangaa Yemenirraa Sauuwudii seenuuf yaalan kan of keessatti qabatuuf fi akkasuman firoota yookaan hiriyoota godaantotaa kan waqtii jedhame sana gara daangaa seenuu yaalan 4 kn dabalatu ta’a. Human Rights Watchiin vidiyoowwan 350 olta’aniifi suuraalee midiyaa hawaasaa irratti gadhifaman yookaan maddewwan irraa ergaman qorachuun, akkasumas fakkii saatalaayitii kilomeetira dhibbaan lakkaawamanirraa argamanii illee ilaaleera.
Human Rights Watch xalayaa gara Sawudii fi hooggantoota Huutiitti barreessee ture. Hooggantoonni Huutiis haaluma kanaan guyyaa gaafa Hagayya 09, 2015 xalayaa barraa’eef deebii kennaniiru.
Sawudii Arabiyaa keessa kan jiraatanii fi hojjetan tilmaamaan Itoophiyaanonni 750,000 ni ta’u. Baay’een isaanii jireenya isaanii fooyyessuuf kan godaanan yoo ta’u, walitti lola hamaa Kaaba biyyattiitti dhiyeenya kana gaggeeffame walqabatee illee dhiibbaa miga dhala namaa hamaa kan baqatan lakkoofsaan kan lakkaa’aminillee ni jiru.
Human Rights Watchiin ajjeechaa godaantotaa daangaa Yemenii fi Saawudii giddutti gaggeeffamu bara 2006 A.L.H. irraa eegalee faayileessaa kan ture yoo ta’ellee. Ajjeechawwan kun tole jedhamee kan raawwatamu ta’ee lakkofsaa fi xiyyeeffannoo guddaan ittiima fufee jiraachuu isaa ni mul’ata.
Akka godaantotaa fi koolu gaafattoottotni jedhanitti, galoo galaana Eden kan qaxxaamuran doonii rakkistuun yoo ta’u, Sana booda garuu Dallaalonni biyya Yemen isaan fuudhuun gara Sa’adaa naannoo daangaa Sauuwudii kan bulchiinsa humna hidhattoota Huutii jalatti argamuutti isaan geessuu isaanii himan.
Humnoonnii Huutii baay’een kan dallaalota kanaa wajjin hojjetan yoo ta’u, godaantota irraa qarshii buufachuu yookaan immoo akka godaantonni kunneen jedhanitti gara mana hidhaa lafa namoonni hanga “qarshii bahiinsaa” kaffalanitti cunqurfamanitti isaan dabarsu.
Yeroo hedduu godaantonni garee hanga nama 200 of keessaa qabatu ta’uun daangaa Saa’wudii seenuu kan yaalan oggaa ta’u, yeroo eegdota daangaa Saawudiin boodatti deebifaman illee irra deddeebi’uun qaxxamuruu yaalu. Akka godaantonni kun jedhanitti, yeroo baay’ee gareen isaanii dhiirotaa fi daa’imman kophaa ta’an dabalatee, hedduminaan garuu dhalaa kan of keessaatti qabatu taha. Dhimma kana waliin kan qabatu, Human Rights Watchiin bakkeewwan eegdota daangaa Saawudii kana fakkii Saatalaayitii irraa adda baasuu danda’eera. Human Rights Watchiin konkolaataa dho’iinsa dandammatuu fi dhoksaan kan dhaabbate, Onkolooleessa 1, 2013 ALHtti hanga Amajjii 2015 ALHtti buufata eegdota daangaa Saawudii tokko irratti kan muldhate yoo ta’u, konkolaataan kana irratti qawwee Matriyeesii ulfaataan irra keessa isaatti hidhamee kan mul’atuudha.
Namoonni gareen godaanan akka ibsanitti, daangaa qaxxaamuruun eega Sawudii keessa seenaniin booda, meeshaa Moortarii fi meeshaalee dhohiinsaatiin kallattii buufata eegdota daangaa Sawuudii irraa dhufuun rukutamuu isaanii ibsu. Namoota interviwuu godhaman keessaa, taateewwan 28 eegdonni daangaa Saawudii meeshaalee dhohiinsaa akka fayyadaman ibsaniiru. Namoonni du’arraa oolanis, warra saawudii Kanaan mana hidhaa keessa tursiifamuu isaaniifi namoonni tokko tokko ji’ootaaf akka hidhamanis ibsaniiru.
Taateewwan sodaachisoodha jechuun baay’een isaanii ibsu: reeffi dhalaa, dhiiraa fi daa’immanii baay’een garmalee kan miidhaman dabalatee, kan du’anii fi qaamni isaanii kan ciccite gaara keessa faca’ee aragama. “Jalqaba osoo waliin nyaannuun argan ture, amma garuu isaanii du’aa jiruu” jedhe namni tokko. Namoota tokko tokko qaamni isaanii iddoo baay’eetti waan cicciteef eenyu akka ta’e adda baasuun hindanda’amu, kanneen kaanis kan iddoo lama qixatti gargar citan ni jiru.”
Qorannoo digiitaalaa Human Rights Watchiin gaggeeffameen, vidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifamaniifi kanneen gara dhaabbata Human Rights Watchiitti ergaman akka agarsiisutti, qaamota namoota du’anii fi kan mada’anii karaa miilaa irra, kaampii keessaa fi dhabbattoota fayyaa keessa jiran arguun mirakaneessee fi bakkeewwan isaanii illee adda baaseera. Qorannoon taa’umsa lafaa akka agarsiisutti, naannoowwan kaampii godaantotaatti bakki awwaalchaa heddummachaa dhufuu fi ijaarsi sekkiwuuritii daangaa adda adda babal’achaa dhufuun adda baafameera.
Gareen dhaabbata walabaa qorannoo Foorensikii kan dhaabbata International Rehablitation Council for Turture Victims, qorattoota foorensikii bebbekamoo addunyaa kan ta’an vidyoowwanii fi footowwan godaantota mada’anii fi du’anii akkamitti miidhaan sun akka isaan irra gahe fi madaa’an qorataniiru. Akka bu’aan qorannoo isaanii madaawwan qoratamanii ilaalchisuun ibsetti “Meeshaalee dho’iinsaa gubaannaa abiddaa uumaniifi faca’aniin kan uumame ta’uu isaa ifatti kan mul’atu yoo tahu” kanneen biroon rukuttaa rasaasa qawweetiin kan madaa’an ta’uu muldhisa” akkasumas nama tokko irratti, “gubannaan sirriitti mul’ata.”
Namoonni garee xixiqqoo yookaan immoo kophaa isaa deeman akka jedhanitti immoo, yeroo tokko daangaa Yemen irra gara saawudii erga seenaniin booda eegdonni daangaa Saawudii qawwee baatan isaanitti dhukaasani. Akkasuman namoonni kun akka ibsanitti eegdonni kunneen dhagaa fi ulee sibiilaan isaan tumuu ibsani. Namoota interviwuu godhaman keessaa kudha afur kan ta’an akka raga bahanitti, yeroo dhiheenyarraa namoonni itti dhukaafamee rukutaman arganiiru yookaan immoo ofiis rukutamaniiru. Namoonni jaha dhohiinsaanis tahe dhukaasa dhihoorraa godhamuun midhamaniiru.
Namoonni tokko tokko akka jedhanitti, eegdonni daangaa Saawudii bakka taa’umsa isaanii irraa gadi dhufuun namoota akka reeban ibsu. Dhiirri umrii 17 tokko akka jedhetti, eegdonni daangaa sun isaa fi godaantota kan biroo dirqisiisuun ijoollee shamarran isaan waliin jiran lama gudeedaa jechuun isaan dirqisiisan. Eegdonni kunneen mucaa shamarran kana ani hin gudeedu jedhee dide tokkos achumatti ajjesani.
Saawudii Arabiyaan hatattamaa fi ariitiidhan polisiiwaan akkanaa kana hojiirra oolchuu dhaabuu qabdi. Ta’e jedhamees haata’u, malaan, poolisiiwwan meshaalee fi humna ajjeechaa godaantotaa fi koolu gaafattoota irratti xiyyeffachuun dhohiinsa fayyadamuu fi rasaasaan dhiyeenyarra dhaabbatanii itti dhukaasuun dhaabbachuu qaba. Mootummaan wanta kana qorachuun haalaan namoota ajjeechaa seer malee, madeessuu, fi gochaa hammeenyaa namarratti raawwachuu kana irratti hirmaatan sirreessuu fi seeratti dhiheessuu qaba.
Mootummoonni dhimmi kun isaan ilaallatu, Saawudii Arabiyaan polisii akkanaa akka hojiirra oolchuu dhaabduu waamicha gochuu fi itti gaafatamummaa fudhachuu akka qabdullee ifatti dhiibbaa gochuu qabu. Akkasumas, mootummoonni dhimmi kun isaan ilaallatu, gaggeessitoota Sawudii fi humna hidhattoota warra Huutii rakkoo daangaa kana irratti qoodha fudhataa jiran irratti qoqqobbii gatuu qabu.
Qorannoo dhaabbata gamtoomaniin (UN) deggerame dhaabbachuun kolaafamni godaantota irra gahee fi ajjeechaan kunneen yakka namooma irratti raawwatame tahuu isaa qoratamuu qaba.
“Eegdonni daangaa Saawudii namoota siivilii tahan kan hin hidhanne irratti dhukaasaa jiraachuu isaanii ni beeku yookaan beekuutu irra jiraata ture.” Jetti Hardman. “Wanta godaantotaa fi koolu galtoota Itoophiyaa irra gahe kanaaf itti gafatamummaan hojiirra hin oolu taanan, ajjeechaan fi rakkoo irra gahu itti caalee akka itti fufu godha.”