(Naayiroobii) - Hokkora hamaa Onkoloolessa bara 2019 mudate qorachuufis ta’ee gara fuulduraattis humnootni tikaa dhiittaa mirgaa akka hin qaqqabsiifneefi walitti bu’insa hawaasaa ittisuuf motumaan Itoophiyaa fagoo hin deemne. Miidhamtootniifi maatiin isaanii magaalota naannoo Oromiyaa lama keessa jiraatan dhiittaa mirgaa humnoota tikaafi gareen irra gayeef hardhas ji’a jaha boodas haqa eegaa jiru.
Maxxansa fuula Faasbuukii rogeessi Oromoo beekamaan obbo Jawaar Mohaammad Onkoloolessa 23 bara 2019 aangawonni mootummaa eegdota kiyyaa doorsisaa jiru jechuun maxxanse kan boodarra poolisiin haale hordufuun magaala guddoo Itoophiyaa Finfinnee keessatti mormiin dhoyee ture. Mormiin kunis magaalota naano Oromiyaa fi naano Haraarii kurnaniin lakkaayamaniifi magaala Dirre-dhawaa keessattis babaldhachuun bakkeewwan heddutti gara walitti bu’insa hawaasafi hokkaraatti jijjiiramee ture. Akka aangawonni mootummaa jedhanitti sababa mormii fi walitti bu’insa kanaatiin namootaa 86 ajjefamaniru. Kanneen keessa kudhan “walitti bu’insa” humnoota tikaa wajjiin godhameen ajjeefaman.
Aangawonni Itoophiyaa ajjeechaa namoota hedduu, saaminsa fi haleellaa Hospitaala keessatti raawwatefi dhabbilee daldalaafi manneen jireenyaa irratti raawwate irra diddibee darbuu hin danda’uu jedhan gaanfa Afrikaatti Daareektara Hiyumaan Raayitswoch kan ta’an Latitaa Baader. Dabaluunis “ Filannoon dhufu karaa nagaafi tasgabbiin kan raawwatu ta’uu mirkaneessuuf mootummaan hokkora Onkoloolessa darbe raawwate saffisaan qoratee, humnoota badii geessissan seeratti dhiyessuun murteessadha” jedhan.
Hiyumaan Raayitswoch Onkoloolessa, 2019 hanga Bitootessa, 2020ti Naannoo Oromiyaa- Dodoma, Arsii lixaafi Ambo, Lixa Shawaa irraa namoota 24 wajjin af-gaaffii godheera. Kanneen keessa 19 miidhamtoota, ragaalee ijaa, hojjattota fayyaa firoottan miidhamtootaa yoo ta’an 5 ammoo gaazexeessitoota, barsiisotafi eksperoota mirga namaati. Af-gaaffin kun Afaan Oromoo, afaan Amaaraafi Afaan Ingiliiziitiin godhame. Dabalataanis Hiyumaan Raayitswoch haleellaa dhaabbilee daldalaafi manneen jireenya Dodolaatti qaqqabe kan ragaalen eeran suuralee saatalaayitiin qorateera.
Ambotti poolisiin Oromiyaa mormitoota ganamarra nagaan mormii
dhageessisan irraati boombii nama imimmaaneessu erga darbateen booda dhakaa mormitoota irraa itti darbatameef rasaasa itti dhukaasuu Hiyumaan Raayitswoch mirkaneeffateera. Onkoloolessa 23 fi 24 qofatti mormitoonni 6 rasaasan ajjeefamuufi yoo xinnaate namoonni 37 madaayuu hojjattonni fayyaafi namoonni ijaan argan ragaa bahaniiru. Gaaffii Hiyumaan Raayitswoch dhiyeesseef deebii xalayaa waajirrii Abbaa Alangee Federaala deebise keessatti humnootni tikaas mormii Amboo keessatti miidhamuu caqasaniiru.
Akka ragaaleen ijaa jedhanitti mormiin Ambo erga poolisiin Oromiyaa mormitoota irratti dhukaaseen booda bifa jijjiirate. “Calqabarra mormii nagaatu ture. Erga poolisiin tokko barataa kutaa 8ti rasaasaan rukutee madeesseen boodaa uummanni miira keessa gale. Hawaasni poolisoota kana nibeeka. Akka hin dhukaasnes kadhataa ture. Gochi poolisiin Oromiyaa raawwate garuu kan garaa nama booressu ture.”
Onkoloolessa 23 fi 24 magaala Dodolaa keessatti mormiin kun gara walitti bu’insa hawaasatti jijjiiramuun sabootaa garaa garaa magalattiirraa namoonni 10 yoo ajjeefaman, 60 ammoo madaayaniiru. Gareen hokkoraa mormitoota fi jiraattota haleelaniiru, qabeenyaa barbadeessaniiru, dhaabbilee daldalaafi suuqiwwaanis gubaniiru. Namoonni heddu gara bataskaanatti baqachuuf dirqamaniiru. Hospitaala waliigalaa Dodolaa keessattis dhukkabsattootafi maatii isaanii reebamaniiru.
Akka ragaa baatonni jedhanitti humnootni tikaa magaalattiis ta’ee kan naannoo haleellaa kanarraa isaan oolchuufi dhukkabsootta Hospitaala jiranillee baraaruuf tarkaanffiin fudhatan rincicaa ture. Raayyaa federaala xiqqoon Onkoloolessa 24 dhaqqabuun naannoo bataskaana magaalatti lama qubtanii turan. Bitootessa gara calqabaa humnootni raayyaa kun dhiisanii deemaniiru jedhu ragaaleen ijaa.
Himannaan dhiittaa mirgaa humnootni tikaa geessisan kan akka humna hin gitne fayyadamuufi haleellaan gareen raawwatame karaa loogii hin qabneen qorachuun akkaata adeemsa haqaa sadarkaa adunyaa eeggateen namoota yakkicha raawwatan seeraaf dhiyachuu aangawonni Itoophiyaa mirkaneessuu qabu jedhanitti Hiyumaan Raayitswoch. Qorannichi qooda harkifannaa ajajoonni damee tikaa dhiittaa humnootni tikaa raawwataniifi kan gareen raawwate ittisuufis ta’ee dhaabsisuuf godhanis haammachuu qaba jedhe Hiyumaan Raayitswoch. Namoota fi maatii dhiittaan mirgaa humnoota tikaatiin irra gayeef beenyaan madaalawaan saffisan kaffalamuufi mootummaan mirkaneessuu qaba. Namoota walitti bu'insa hawaasaa keessatti midhamaniifis sagantaan beenyaa qopheessus yaadamuu qaba.
Akkuma hokkorri kun uumameen aangonni Federaalaafi naannoo namoota murtaawoo towannaa seeraa jala oolcuufii qorannaa calqabuu ibsanii turan. Guraandhala 21 xalayaa deebii wajirri abbaa alangee federaalaa Hiyumaan Raayitswochiif deebiseen qindoomina naannoofi federaalaan qorannaan hokkara Amboofi Dodolaa irraati godhamuu eeraniiru. Akka wajirichaatti qorannoon Amboo ammallee kan hin xumaramne. Kan Dodolaa garuu namoota 12 irraati himanni banamuu ibsuun, dhaddachi itti fufinsaan taa’aamaa jirachuu eeraniiru. Haata'u malee namoonni shakkaman meeqa akka hidhaman, eenyuu yakka kamiin akka himatameefi dhaddachi banaan taa’amuufi dhiisuu irratti odeeffannoon uummataaf ifa godhame homtuu hin jiruu jedhe Hiyumaan Raayitswoch.
“Mootummaan Itoophiyaa dhiittaa mirgaa raawwateef deebii quubsaa kennuu dadhabuun madaa namoota maatii isaanii dhabaniifi waan hundi jalaa barbadayee hammeesa” jedhu Baader. “Amanamummaa dhaabbilee tikaaafi haqaa guddisuun miira ho’aa dhiyaachuu filannoon wal qabatee eegamu hambisuuf haalan murteessaadha”.
Durduubee hokkora Onkoloolessa
Ukkaamsa mormii sirnaawaa waggoottaniif bulchiinsa duraaniitiin dhaqqabe hordofuun muummichi ministeera Abiy Ahmed Ebla 2018 akkuma gara aangootti dhufaniin riiformii dirree siyaasaa fi siivikii baldhise fidaniiru. Haalli uumame kunis Itoophiyaanonnii waggoottan heddu boodaa komiilee yeroo dheeraf turan kan akka gaaffii lafa, sarara daangaa, qabeenya uumamaafi loogi sabaa ykn hawaasaa yaadamu bilisaan akka ibsatan heeyyameera.
Haalli siyaasa baname kun ilaalcha sabaan boontotaafi humnoota isaaniitiifis haala mijeessuun namoonni siyaasaafi hayyoonni tokko tokko walitti bu’insa sabaa kakaasuun tumsa horachuun raafama nageenyaafi walitti bu’insa sabaa geessisaniiru. Amantiifi sabummaan Itoophiyaa keessatti kan walitti hidhaman yoota’u walitti bu’insi heddu garuu gara walitti bu'insa amantaatti jijjiirama. Dur jechi “Amaaraa” jedhamu namoota amantaa Ortodoksii hordofan ibsuuf malee saba tokkoof hin turre
Raafamni waggoottan lamaan darbee saffisa rifoormiirraa gammachuu dhabuu, dhiittaa mirgaa haaraa humnootni tikaa dhihaafi kibba Oromiyaa keessatti geessisaa jiraniifi walitti bu sabootaa dabalaa dhufeef mootummaan deebii quubsaa kennuu dhabuutu ka’umsa ta’aa jira.
Taatewwan kun marti yeroo bulchiinsifi dameen tikaa federaalaa kan naannoo fi gandaa dadhabaniifi qaawwaan bulchiinsaa bakkeewwan heddutti mudatanitti ta’uun yeroo walitti bu'insi uumamu daddaffiin towachuu dadhabuufi callisanii ilaaluun muldhateera.
Walitti bu’insi hamaan yeroo gabaaba kana keessatti mudate ajjeechaa, hidhaa jumlaa, buqqayinsa ol-aanaa fi mancayinsa qabeenya hedduu qaqqabsiiseera. Dhaabbanni Miri-mootummaa idil-adunyaa buqqayinsa keessoo hordofu (IDMC) hanga Mudde 2018ti Itoophiyaan buqqaatoota miiliyoona 2.89 qabaachuufi lakkoofsi kun buqqayinsa haaraa akka adunyaatti guddicha ta’uu ibseera. Kanneen keessa miliyoonni 1.4 ji’oota calqaba 2018ti kan buqqayaniidha. Hanga walakkaa 2019tti namoonni dabalataa 755,000 qeyee isaanirraa buqqayuufi kanneen keessaa namoonni 522,000 sababa walitti bu’insaan buqqayan.
Hokkorri Onkoloolessa walitti bu'insa waggoottan mudatan keessaa isa hammataadha. Hokkora kanaaf ka’umsi calqabaa aggaammii mootummaan rogeessa Oromoofi hundeessaa Oromiyaa Neetworkii obbo Jawar Mohamed irraati aggaame jedhame ta’us mormitoonni hedduun komii biroo kaasaa turan. Gareen biroo kan seenessaafi sabboonummaa Jawaariifi deeggartonnisa dhaadheessan jibbaniifi sabnii isaanii moggaatti qabame jechuun mormuuf kan bayaniidha.
Jawaaris akkuma Mummee Ministeeraa Abiy dhalataa Oromoo yoota'u sochii mormii bara 2014 - 2018 kan dhumarratti Abiy aangootti ol-baase keessatti shoora adda durummaa nama taphateedha. Hawaasa Oromoo baldhaafi dargaggoota Qeerroo jedhaman biratti dhageettii guddaa qaba. Erga waggoota hedduuf biyyaa baqaa Ameerikaa tureen booda bara 2019 erga Abiy aangootti dhufee gara Itoophiyatti deebi’eera. Guutummaa bara 2019 Jawaar himaammatoota Abiy qeeqaa ture.
Onkoloolessa 22 Abiy paarlaamaa biyyatti fuulduratti abbootii qabeenyaa miidiyaa dhuunfaa kanneen lammii biyya alaa walitti bu'insa afarsu jechuun qeeqeera. Qeeqni Abiy kunis namoota hedduu birattii qeeqa Jawaar kan dhiyeenya lammummaa Ameerikaa deebisuusaa himeefi yeroo sanitti lammii Ameerikaa ture irratti xiyyeefate jedhu. Guyyaa itti aanuu eegdonni Jawaar halkan waarii isaan kaasuuf yaalaa akka jiran itti himan. Sana boodaa haala keessa jiru hordoftoota isaa feesbuukii miliyoona 1.75 ta’anif maxxansuu hordofuun mormiin heddu dhowee ture. Walitti bu'insa Onkoloolessa boodaa gamtaa paartilee Oroomooti makamuun filannoo itti aanuu kan Hagayyaaf karoorfame irratti Jawaar morkataa cimaa Abiy ta’eera.
Poolisoonni humnaa wal hin gitnefii hamoo Ambotti fayyadamuu.
Ambo, magaala Finfinneerraa gara dhihaattiin kiilomeetira 100 fagattee argamtu yootaatu mormii muummee ministeera Abiy aangootti fide keessatti magaala shoora olaanaa taphatteedha. Abiy akkuma aangotti dhufeen gara Amboo deemee ture. Torbee hokkora Onkoloolessa boodas aangawoota naannoo sanii dubbisuuf deebi’ee ture. Yeroo kanatti garuu tuutaa aaree mormii irratti bayeen simatame.
Mormiin Amboo kan eegale barii Onkoloolessa 23 yeroo ijoolleen yinifoormii uffatan daandii guddaa irratti walgayuun mormii mootummaa balaaleffatufi Jawaar deeggaru yeroo dhageessisan ture. Bodarra garee biroo ulee qabatanitu itti dabalame. Waaree booda mormiin nagaan gaggeefama ture barataan tokko erga rasaasaan rukutamee booda bifa jijjiirate. Sana booda mormitoonni poolisiiti dhagaa darbachuu, daandii cufuufi gommaa gubuu eegalan. Sa’aatiwwan 48 itti aanan keessatti poolisoonni boombii nama imimmaanessu darbachuufi dhukaasa gara hundatti roobsaa turan.
Gabaasni qabatamaan Hiyumaan Raayitswoch argate akka ibsutti hokkora Ambotti mudate irratti namoonni 6, jaarsa kabajamaa dabalate ajjeefamaniiru, daa’ima ganna 13 dabalatee namoonni 37 madaayaniiru.
Ragaan ijaa yeroo barataan calqaba rasaasan rukutamuu naannoo Yuunivarsiitii Amboo kaampaasi awwaarooti arge yaadannoosa yeroo himu:
Poolisiin baraticha rasaasan gateettiirra rukute, rasaasa tokkoon ture, mucichi hin duune. Sana booda mormitoonni aariidhaan dhagaa poolisiiti darbachuu eegalani. Poolisonnis gaaza imimmaanessu darbachuu calqaban. Sana booda nuti marti gara bishaaniitti fiigne. Aniyyuu mucaa tokko gargaareeti hospitaalan gayeera. Sana booda namoonni madayan hedduun gara hospitaala fidamani.
Barataan hiriira Onkoloolessa 23 irratti hirmaate darbannaa dhagaa aariin mormitoonni raawwatan hordofuun hiryaan isaa gannaa 18 kan Biqilaa Sirnaa jedhamu ija isaa duratti rasaasan rukatamuu hime. Raasasni buqqee mataa isaa dhaye, dubbachu hin danda’u ture. Kanaaf gara hospitaalaatti ittiin fiigne. Rasaasni mata isaa keessa hulluqxe nama biraas rukutteerti. Biqilaanis boodarra madichaan du’e.
Onkoloolessa 24, mormittonni fuuldura waajjira poolisiitti wal gayuun poolisiin calqaba barataa irratti dhukaase akka towatamu gaafatan. Sana booda poolisonni gadi bayanii mormitoota irraati dhukaasa roobsan.
Yeroo poolisonni konkolaata isaani yaabbatan mormitoonni dhagaa itti darbatan. Poolisa calqaba barataatti dhukase arguuf ture. Sana booda poolisonni dhukaasa eegalan. Of eegannoon tokkollee hin kennamne ture. Polisiin tokko dhukaasa bannaan warri kaanis isa hordofuun dhukaasuu calqaban. Mormitoonni heddunis baqachuu eegalan, hedduun isaaniis lafatti kufani.
Dhukaasaafi gaaza imimmaanessu poolisoonni darbatan irraan kan ka’e mormitoonni hedduun gara kutaa manneen jireenyaatii baqatani. Raasaani tokko mataa jaarsa ulfoo obbo Moosisaa Morodaa jedhamanii kan nagaan mana ollaa bukkee taa’aa turaniirra buute. Ragaan tokko akkas jedhan: Mormitoonni 6 manakoo fuulduratti rasaasaan rukutamani. Yeroon sagalee dhukaasa dhagayun waan ta’e baruuf manaa gadi baye. Yeroo kanatti Moosisa Morodaa rukutani. Poolisiin tokko anas arginaan gara kootti dhukaasu eegale. Yeroo kanan fiigee dhokadhe. Moosisaanis boodarra madaa rasaasattiitiin du’e.
Walitti bu'insa hawaasaa Dodolaa
Dodalaan magaala kibba bahaa Oromiyaatti argamtu. Akka lakkawwii uummataa falmisiisa kan bara 2007ti magaalattiin jiraattoota 193, 812 qabdi. Kanneen keessa harki guddaan saba Oromoo yoo ta’an gareen bicuun ammoo saba Amaaraati. Akka jiraattonni jedhanitti waldura dhaabbannaan saboota mormii Onkoloolessa dura hammaata dhuufu eeruun, walitti bu'insi dhuma Onkoloolessa mudate kan hin eegamne ta’uu himu.
Mormitoonni dura kan daandiitti bayan Onkoloolessa 23 yoota’u mormiin isaanis akkaata mootummaan Jawaar itti qaburratti ture. Bariituucisaas adaduma namoonni baadiyyaafi aanalee ollaarra itti dabalamaa deeman mormiichis guddate. Ganama san gareen xiqqoon tokko gara bataskaana Ortodoksii Garba kiristoositti qajeelani. Hordoftonni bataskaanichaas wal ijaruun karra bataskaana fuuldura ulee qabatanii gareen biroo akka hin seenneittisuuf yaalaa turan. Yaaliin kunis milkaaye ture. Sana booda mormittoonni gara magaalatti gadi qajeelani.
Waaree boodaa mormitootaafi jirattoota magaalatti gidduutti naannoo bataskaana kidaanamiratii fuulduratti wal gaarreffannaan biroo uumame. Yeroo mormitoonni gara mana isaanitti galaa jiranitti galgala san naannoo qaxanaa 5 - iddoo jirattoonni Amaaraa baay’inaan jiraatanitti bu'insi hamaan uumame.Guyyaa itti aanus hokkorri kun kutaale magaalaa birootti babaldhachuun haleellaan sabaafi amantaa irraatti xiyyeefate raawwate.
Ajjeechaafi madoo
Ragaaleen ijaafi firoonni miidhamtoota akka jedhanitti guyya lameen hokkorri kun raawwatetti yooxiqqaate miseensonni sabaafi sablammoota magaalattii garaagaraa jaarsolii 2 dabalatee 10 garee mormitootatiin kan ajjeefaman yoota’u daa’ima ganna 12 dabalatee yooxinnaate namoonni 60 madaayaniiru. Miidhamtonni gariin rasaasan kan dhayaman yoota’u gariin ammoo amma du’aniti dhaanamani, kan dhaqni irra citellee ni jiru. Lakkoofsi namoota ajjeefamaniifi madaayanii kana ol ta’u mala.
Yeroo Mormitoonni Oromoo muraasni gara mana isaaniitti galuurra turanitti gareen dargaggoota Amaaraa naannoo qaxanaa 5 eeguun dhagaafi ulee itti darbachuu akka eegalan jedhu ragaaleen ijaa.
Jaarsi ulfaa gocha kana laala ture akkas jedhu:
Akkuma iyya dhageenyeen nuti jaarsoliin nagaa buusuuf dafne garasitti fiignee turre. Garuu itti hin milkoofne. Boombiitu darbatame, yeroo kana dhiisne baqanne. Nama heddutu madaaye. Halkaan guutu dhukaasa dhagayaan bule.
Hojjattonni fayyaa Hospitaala waliigala Dodolaa 2 akka mirkaneessanitti mormitonnni Oromoo hedduun waaree Onkoloolessa 23 calqabe gara hospitaalicha kan fidaman yoota'u kanneen keessa 20 kan rasaasayan madaayan turan. Warri kaan ammoo cuubeefi boombiidhan madaayani. Namoota gaafa Onkoloolessa 23 raasaasaan madaayanii dhufan keessa 4 boodarra achumatti du’ani.
Namoonni 4 ammoo Hospitaaluma keessatti gaafaa Onkoloolessa 24 haleelamanii ajjefamanii jedhu ragaaleen ijaan argan. Namni tokko akkasitti taatee san yaadata:
Midhamtoonni sadii ambulaansiin gara hospitaalichaa fidde battalumatti gara kutaa gargaarsa hatattama seenaan. Abbaafi ilmaafi jaarsa tokko turan. Yeruma kana yaalamaan Oromoo kaleessa madaaye dhufe tokko jarreen ilaaluun “jarri kun Amaara, hin yaalina” jedhe.
Sana booda hojjattonni fayyaa namoonni sadanuu mataa keessa dhaanamanii kan ajjeefaman ta’uu argan. Dubartiin tokkos kaaffee keessatti dhaanamte jedhu. Isheenis gara Hospitaala Hawaasa kilomeetira 97, Dodolaarraa fagaattee argamtuu geeffamtus achitti duute jedhu ragoonni.
Doktarri tokko akkas jedhe: “wanti ta’e humna keenyaa ol ture. Humnoota tikaa naannichaaf bilbillee turre, garuu yeroon nubira hin geenye.”
Namoota 8 Hospitaala keessatti ajjefamaniin alas jaarsoliin biroo lama mana isaaniitti garee mormitootaatiin ajjefamaniiru jedhu jiraattonni. Ragaan tokko yeroo gareen mormitoota mana isaa haleelanitti jaarsa fira isaa tokko manatti dhiisee gara bataskaana kidaana miratiitti baqachuusa dubbata. Booda yeroo dhagayu jaarsichi dhaqni isaa ciccituun ajjeefamaniiru.
Gareen mormitoota mardhimaan, harkaafi luka isaa kukkutani. Ani yeroo san achi hin turre. Isa fudhannee bataskaanatti fiiguuf haalli jiru hin heeyyamu ture. Boodarra humnootni federaalaa reeffa isaa nuuf fidanii gaafa Onkoloolessa 25 awwaalle.
Qabeenya barbadeessuu
Jiraattonni magalattii sadii qabeenyi isaanii garee mormitoota dhagaa, uleefi meeshalee qonnaa baataniin barbadaayu himatu. Hiyumaan Raayitswoch suuralee saatalaayitii Dodolaa Fulbaana 10 hanga Sadaasa 1 tti ka’e xiinxaluun naannoo miidhamtoonni af-gaffii kennan himatanitti caccabinsi 30 - 40 dhaqqabu mirkaneeffateera. Caccabsaafi gubinsi qabeenyaa kunis naannoo saboonni Amaaraa heddumminaan jiraatan qaxaana 5fi naanno mana barumsa sadarkaa 2ffaa Dodolaa, naannoo gabaa Kamisaafi naannoo bataskaana garba kiristoositti raawwachuu suuralee tuullaa haftee qabeenyaa barbadaayeera baruun danda’ameera.
Jiraataan bataskaana kidaane miratii keessatti waaree gaafa Onkoloolessa 23 baqate dhaqqabbii garee mormituufi waan karra bataskaanatti fuulduratti ta’e akkasiti ibsa:
Jaarsolii magaalaafi poolisiin Oromiyaa waan ittiseef bataskaana seenuu hin dandeenye. Kanaaf bataskaanatti marsuun dhagaa ol darbataa turan. Nutis dhagaa isaan darbatan walitti qabuun deebisnee itti darbataa turre. Nama heddutu bataskaana keessatti madaye.
Ragaan biroon ammoo akkas jedhu: poolisonni namuu akka gara bataskaana hin galleefi hin baanes dhorkuuf jecha gaaza imimmaanessu karrarratti darbatani. Kuni ammoo madoofi naasuu uume. Nuti karratti dhiyoo waan turreef miidhamne, iji kiyyas miidheera, afuura baafachuu dadhabeen ture.
Dubartiin daldaaltuun suuqiin ishee mana barumsa sadarkaa 2ffaa Dodolaa cina jiru gaafa Onkoloolessa 23 jalaa saamame akkasitti yaadatti:
“Qeerro heddutu gara mana kiyyaa dhufe. Manaafi suuqii kiyyas saamaniiru. Dhakaa, cuubee, gajaraafi ulee baatanii deemu turan.”
Dubartiin halkan Onkoloolessa 23 manni ishee haleelame akkas jetti:
Mana ciisaa hunda seenuun siree caccabsan, maashinii shaayiifi bunaas niburkuteessan, firiijis alatti gadi darbani. Meeqa turan himuu hin danda’u, dhagaafi madoosha baatanii manatti marsani. Meeshale ala jiran mara guggubani. Gochi kun daqiiqaa 30 hanga sa’a tokkootti ittuma fufe. Boodarra humni addaa Oromiyaafi poolisonni Dodolaa dhaqqabani. Rasaasa samiitti ol dhukaasuun isaan bittimsani”
Walitti bu'insa kana boodaa jiraattonni fi waajirri mootummota gamtoomanii yooxiqqaate namoonni 3,000 ta’an bataskaanota magaalatti lama keessa qubachuu gabaasani. Suuraleen saatalaayitiis karaa kibba dhiha Dodolaa naannoo qabeenyi mancayetti daasiin yeroo Onkoloolessa 25 fi 26 dhaabbachuu agarsiiseera.
Erga Abbootiin Gadaa araara buusaniin boodaa jiraattonni gariin gara mana isaaniitti deebi’aniiru. Hanga walakkeessa Bitootessaatti namoonnifi maatiin qeyeerra buqqaafaman hedduun balaa biraa sodachuun magaalatti dhiisanii sokkaniiru. Namichi qeyeera buqqifame tokko akka jedha:
Jireenyi hammaataa dhufe. Daldalli keenya cufameera. Callisneetuma teenya. Kiristaanonni hedduun hojiitti deebi’u sodaatanii jiru.”
Deebii mootummaa
Dubbi himaan mootummaa federaalaa Onkoloolessa 31 hokkora Onkoloolessa magaloota kurnaniin lakkaayaman dhaqqabeen wal qabate namoonni 400 towannoo seera jala oolu himanii turan.
Jiraattonni Amboofi Dodolaa aangawonni naannoo qorannoo akka calqaban dubbatu. Ambotti bulchitoonni godinichaa komitee hokkora Onkoloolessa qoratu yoo ijaaruu, poolisiin Oromiyaas qoranno calqabee ture. Namni dhiittaa mirga poolisiin geessise ijaan arge tokko Hiyumaan Raayitswochitti akka himetti poolisii godinichaa tokko poolisa yakka raawwaterratti ragaa akka bahu gaafatamera.
Xalayaa Bitootessa 21 wajirri Abbaa Alangee federaalaa Hiyumaan Raayitswochif barreesse irratti qorannoon hokkora Amboo kan hin xumuramne ta’uu eeruun, itti bayinsi yeroo “miidhamni garee mormitoota irras garee humnoota tikaa irras gayu” caqaseera.
Magaala Dodolaattis bulchitoonni godinichaa garee rakkoo uumame qoratu gara magaalattiti ergeera jedhu. Abbaan Alangee Federaalas dhaddachi dhageetti kan calqabe ta’uu eerera. Haata'u malee ragooleen 4 kan garee qorannoo godinichaaf ragaa bahan hanga dhuma Bitootessatti dhaddacha banaa homaayyuu akka hin agarreefi odeeffannoon tokkollee aangawota irraa kennamnef.
Mootummaa Itoophiyaatiif akeeka kallattii/gorsa
Humnootni tikaa federaalaa fi naannoo seera kabachiisan seera bu’uuraa itti fayyadama humnaafi meeshaalee waraanaa mootummoota gamtoomanii sirriiti hordofuu qabu. Akka bu’uura seera kanaatti humnootni tikaa seeraa kabachiisuuf humna fayyadamuun dura karaa nagaa yaaluu qabu. Humnootni tikaa humna ajjeesu danda’u fayyadamuun kan heyyamamuuf yeroo balaan hamaan ifa ta’e lubbuufi qaama isaanirratti aggaamame qofa ta’uu qaba. Yeroo tuuta namootaa hokkora uumanii bittimsuun dirqama ta’es humnootni tikaa humna bayyee xiqqaa qofa fayyadamuun haala jiru towachuu qabu. Dabalataniis humnootni tikaa namootni miidhaman yeroodhaan waldhaansa akka argatan mirkaneeffachuu qabu.
Mootummaan Itoophiyaa:
• Fayyadama humnaa wal hin gitne kan humnootni tikaa fudhataniifi namoota yakka gareen raawwatan irratti qorannoon amanamaa, bilisaafi iftoomina qabu qaamaa alaatiin akka godhamu deeggaru qaba. Qorannichis ajjechaafi miidhaa qaamaa raawwate mara irratti gadi fageenyaan durduuben galmaayuufi gayeen humnootni tikaa dhiittaa kana keessatti qabanis hammatamuu qaba.
• Misensoota humna tikaa humna hin gitne mormitootaa irratti fayyadamuun loogii sadarkaafi aangoo tokko malee adabuufi sirreessu qaba. Humnoota tikaafi nageenyaaf fayyadamni humna yeroo haalli dirqisiisan mudate qofa ta’uufi yeroo birootti humna fayyadamuu kan nama adabsiisu ta’u ajajni ifa ta’e miseensota isaaniif dabarsuu. Humnootni tikaa meshaa waraanaa baatan hundi leenjii fayyadama meeshicha kan fudhatan qofa ta’uu mirkaneessu qaba. Leenjiin humnoota tikaaf kennamu karaale humna malee irratti xiyyeefachuun fayyadama humnaa xiqqeessuu qaba.
• Yeroo hokkorri mudate hospitalonniifi dhaabbileen fayyaa eegumsa gayaa qabaachu mirkaneessu qaba.
•Namoota walitti bu'insa hawaasaa keessatti miidhamaniif sagantaan beenyaa itti yaadamu kan qabuufi raawwiin isaas bifa saffisa, gahinsaafi iftoomina qabuun akka ta’u mirkaneessu qaba.
•Namoonnifi maatii miidhaan qaamaafi xiin sammuu irra gaye waldhaansa fayyaa akka argatan mirkaneeffachuus qaba.
•Miidhamtoonni yakki irratti raawwate yeroofi adeemsa qorannaa yakkichaa fi dhimma isaani irratti naannolee walitti bu'insi hawaasa mudatetti walgayii hawaasa gochuun yeroo yeroon odeeffannoo kennuufi qaba.
•Sodaa gareelee amantiifi sabootaa gidduu jiru hirdhisuufi loogii sabummaa dhaabsisuuf tarkaanfi qabatamaa kan akka barnoota fi kakaasa kennuu calqabuu qaba.