Skip to main content

Ethiopia

Events of 2023

Shammarree ganna 28 miidhaa saalaa irraa hafte Kaaba Itoophiyaa, Naannoo Tigraay, magaalaa Maqalee Wiirtuu Leenjii Tola-ooltummaa Soorata Qophheessuu Dubartootaa suuraa Adoolessa 2, 2023 fudhatame. 

© 2023 Arlette BASHIZI karaa Getty Images Washington Post

Haalli mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti akkuma yaaddessaa ta’etti jira, kanaafis humnootni nageenya mootummaa, milishootnii fi qaamotni mootummaan hin hidhachiisne itti gaafatamummaa kan fudhatan yoo ta’u, badii gahuufis utuu hin adabamne hafuun aadaa ta’aa jira.

Hagayya keessa, walitti bu’iinsi waraana Itoophiyaa fi milishoota naannoo Amaaraa keessa jiranii hammaatee ture, kunis, du’aatii fi miidhaa namoota nagaa dhibbootaa, diigamiinsa bu’uuraalee misoomaa fi akkasumas buqqa’iinsaaf sababa ta’eera. Mootummaan federaalaa kana hambisuuf naannicha irra labsii yeroo hatattamaa kan kaa’e ta’uu beeksisee ture, garuu qabatamaan tumaaleen isaa guutuu biyyattii keessatti hojiirra oolaniiru.

Qaamoleen kaaba Itoophiyaatti waraana geggeessa turan gurguddoon lamaan, Mootummaan Federaalaa fi Humnootni Tigraay, Sadaasa 2022 waliigaltee waraana dhaabuu irra gahanii turan, kanaanis Lolli cimaan Tigraay keessatti geggeeffamaa ture dhaabbateera. Haata’uu malee, sarbamuun mirgootaa hamaan lammiilee nagaa Tigraay irratti waggaa guutuu, keessattuu godinaalee Lixaa, Kaaba-lixaa fi Bahaa Tigraay keessatti itti fufee ture.

Akka ejensiin baqattootaa MG, UNHCR, jedhutti, Fulbaana irraa kaasee, Itoophiyaa keessatti sababa walitti bu’iinsaatiin namootni miliyoona 2.9 buqqa’iinsa biyya keessaatiif saaxilamanii jiru, akkasumas koolugaltootaa fi baqattoota Itoophiyaa 141,000 oltu biyyoota ollaa jira.

Gaazexeessitootni, dhaabbileen namoomaa, fi namoonni ummataf ifatti dubbatan, naannichi baayyee jeeqamaa fi gabaasaaf rakkisaa akka ta’e himu.

Namootni Saalqunnamtii saala walfakkaataa dubaraa, bukkee, saala lamaa, fi saala jijjiiratan (LGBT) Itoophiyaa keessatti doorsisa toora interneetii fi reebichi qaamaa irra gaheera. Gabaasa hedduu karaa toora interneetaa irraa isaan gahaa ture hordofuun, Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenya Finfinnee hoteelotaa fi iddoowwan hojii biroo kanneen “gochaaleen saala wal fakkaataa itti raawwatamu” irratti tarkaanfii fudgachaa jira jedheera. Hariiroon saala wal fakkaataa ifa-galaa seeraan ala akkasumas adabbii hanga hidhaa waggaa 15 qaba.

Shorri mootummaa gama itti gaafatamummaa miidhaawwan duraan gahanii fi gahaa jiran, rakkoowwan yeroo waraana kaaba Itoophiyaa gahan dabalatee jiru gahaa kan hin taane akkasumas iftoomina fi too’annoo walabaa kan hin qabneedha.

Waraana Kaaba Itoophiyaa

Waliigaltee waraana dhaabuu Sadaasa 2022 tiin boodas, sarbamni mirgoota dhala namaa Tigraay keessatti itti fufee jira.

Waliigaltee waraana dhaabuutiin ji’oota booda, Humnootni Eeritriyaa Tigraay keessa jiran dubartootaa fi shamarran Tigraay irratti gudeeddii fi miidhaa saalaa, bittaa saalaatis dabalatee raawwataniiru, fi naannoowwan isaan qubatan irratti ajjeechaan gara jabinaa fi butiinsi, akkasumas saamichi qabeenya hawaasaa taasifameera. Caamsaa keessa, Humnootni Eertiraa gargaarsi namootaa gandoota lama kan gabaasni gudeeddii, hannaa fi diigamiinsa qabeenyaa itti raawwatamaa jira jedhametti akka hin geeffamne ittisanii turan. Ji’uma sana keessa, Humnootni Eeritriyaa hojii Dhaabbata Gamtaa Afrikaatti  Too’annoo, Mirkaneessaa fi Akkaataa Walsimsiisaa kan waliigalticha hogganuuf hundaa’e irratti dhiibbaa geessanii turan.

Godina Lixa Tigraayitti, bulchitootni naannoo, Humnootni naannoo amaaraa fi milishootni “Faannoo” jedhamuudhan beekkaman duula duguuggaa sanyii akkuma itti fufanitti jiru akkasumas Tigroota humnaan  Adoolessa 2022 fi Amajjii 2023 keessa ari’anii jiru. Hanga Hagayya 2022 tti, Gabaasni hidhamuu fi ari’ammuun Tigrootaa ittuma fufee ture.

Bitootessa keessa, Sagantaa Nyaata Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (WFP) fi Ejansiin Dhaabbata Gargaarsaa kutaa biyya America (USAID) gargaarsi nyaataa Tigraayiif kennamu “karaa maqfamee gabaatti gurguramaa” jiraachuu gabaasa waan argataniif, gargaarsa midhaan nyaataa dhaabanii  turan. Ejansootni ji’a Waxaxabajjii keessa qorannoodhan “samichi qindaa’anii fi bal’aan ” mootummaa federaalaa fi naannootin taasifamaa jiraachuu waan argataniif gargaarsa guutummaa Itoophiyaatti dhaabaniiru.

Giddutti dhaabbachuun gargaarsaa namoota miliyoona 20 gargaarsa nyaataa barbaadaniif taasifamuu daangeffamuu irraa kan ka’e, gabaasaaleen du’aatii sababa beelaan dhufuu dabaluu agarsiisu,  sababa kanaanis baqattootni kaampii keessa jiran caalmatti miidhamaniiru. Onkololeessa, WFP fi USAID baqattootaaf gargaarsa nyaataa kennuu jalqabanii turan, gama biroon immoo ummata nyaata hin arganne kanneen biroo biratti ittifni akkuma kaa’ametti ture.

Miidhaa Humnoota Nageenyaa fi Haleellaa Garee Hidhattootaa

Ebla keessa, mootummaan federaalaa poolisii naannichaa waraana federaalaa wajjiin walitti makuudhaaf murteessuu isaa wajjiin wal qabatee haalli nageenyaa naannoo Amaaraa garmalee boora’eera. Gaafa Ebla 9, miseensonni hojjatoota Tajaajila Gargaarsa Kaatolikii lama itti dhukaafamee ajjeefamaniiru.

Hagayyaa fi Fulbaana keessa, keessaa fi naannawa magaalota fi gaboota naannoo Amaaraa keessatti lolli cimaan geggeeffamuu gabaasaaleen kan agarsiisan yoo ta’u, kunis ajjeechaa fi miidhama namoota dhibbootaatiif, daa’immanii fi baqattootas dabalatee, akkasumas diigamiinsa qabeenya fi bu’uuraalee hawaasaa kanneen akka hospitaalaatiif sababa ta’eera. Gaafa Hagayya 29, Adoolessa irraa kaasee Waajjirri Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OHCHR) waarana keessatti yoo xiqqaate namoonni 183 ajjeefamuu agarsiisa. Naannoo Amaaraa keessatti humnoonni nageenyaa mootummaas yeroo manaa manatti adeemanii sakatta’iinsa taasisan namoota hidhaniiru.

Gaafa Hagayya 5, Manni maree bakka bu’oota ummataa Itoophiyaa, labsii yeroo hatattamaa baldhaa kan akkaataa barbaachisummaa isaatti naannoo biraattis babal’achuu danda’u naannoo Amaaraa irratti labseera. Labsiin hatattamaa kun mootummaan kun mootummaan shakkamtoota yakkaa ajaja mana murtii malee to’annoo jala oolchuu, uggura sochii kaa’uu, walga’ii ummataa dhorkuu fi ajaja malee sakatta’iinsa raawwachuuf angoo dabalataa kennaaf.

Gurraandhala keessa, humnootni nageenyaa mootummaa, fottoqqii Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaatiin wal qabatee jiru hordofee, bakka mormitootni walitti qabaman, Shaashamannee, Oromiyaatti tarkaanfiin jeequmsa irratti fudhatan ajjeechaa fi hidhaaf  sababa ta’eera.

Mariin araaraa ji’a Eblaa keessa taasifame hin milkaa’in hafuu isaa booda, mootummaan ji’a caamsaa keessa duula riphee loltummaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti deebisee banee ture. Gabaasaaleen haleellaa ummata Oromoo, Hawaasa Oromoo fi Amaaraatis dabalatee hanga Hagayyaatti ittuma fufee jira. Waxabajjii keessa, Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC)’n bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoon, buufataalee fayyaa fi ijaarsawwan bishaaniis dabalatee waraanaan diigamaniiruu jedheera.  

Bitooteessa keessa, Anga’ootni Oromiyaa Magaala Shaggar, magaala naannawa magaalaa guddittii Itoophiyaa, Finfinneetti, marsitee ijaaramte, kan namoota hedduu mana dhabeeyyii taasise keessatti manneenii fi iddoo daldalaa hedduu jigsaniiru. Humnootni nageenyaa namoota dhuunfaa diigamuu morman reebuu fi rasaasaan rukutuu isaanii gabafame.

Fulbaana keessa, jiraattotni somaalee nagaa kan kaampii namoota buqqifamanii Qojoli, kan Somaalee Itoophiyaa keessatti argamu, sababa walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa oromiyaa fi somaaleetiin ajjeefamaniiru.

Bilisummaa Yaada Ibsachuu, Miidiyaa, fi Waldaa

Iddoon lammummaa biyyattii keessatti manca’uu itti fufe, mootummaan federaalaa dhimmoota murteessoo ta’an irratti naannoo gabaasa itti dhiyeessan cimsee to’achaa ture.

Angawoonni sagalee ijoo rakkisuu fi too’anna jela oolchuu, gaazexeessitoota, miseensota mormitootaa fi aktivistoota waldaalee siivikii akka callisan ykn baqatan taasisu.

Gaafa Amajjii 5, Poolisiin Itoophiyaa hojjettoota Mana Maree Mirga Namoomaa Itoophiyaa (EHRCO) afur - hojjettoota mirga namoomaa sadii kanneen baqqa’iinsa dirqamaa magaala Finfinnee alatti taasifamu qorachaa turan, Daniel Tesfaye, Bezuayehu Wondimu, Bereket Daniel fi konkolaachisaa isaanii Nahom Husen hidhanii  akkasumsa humnaan dhabamsiisaaniiru. Amajjii 12, Manni Murtii Oromiyaa hojjatoota afran wabiidhaan hiiksiseera.

Labsama labsii yeroo hatattamaarraa jalqabee, naannoo fi Finfinnee keessatti hidhaan jumlaa dhalattoota amaaraa gabaafameera. Hagayya jalqaba keessa, humnootni federaalaa miseensa mormituu mana mare bakka bu’ootaa fi mirmituu dhaaba bulchiinsarra jiruu fi gochaalee mootummaan naannoo amaaraa keessatti raawwatuu Kiristaan Taaddalaa fi miseensa mana mare naannoo Amaaraa Yohaannis Buwaayaalew, akkasumas Kaasaa Tashaagar miseensa Mana Maree Magaalaa Finfinnee hidhaniiru. Kiristaan Taaddalaa fi Kaasaa Tashaagar durumayyuu dhaabbiitti hidhamanii turan.

Anga’ootni Itoophiyaa Ebla 3 hanga 18 jidduutti gaazexeessitoota saddeet kanneen haala hammaataa naannoo Amaaraa keessatti ta’e gaabaasa turan hidhaniiru. Hagayya keessa, labsii yeroo hatattamaa hordofuun hanga’ootni gaazexeessitoota dabalataa sadi hidhaniiru. Jalqaba fulbaanaa keessa, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, naannoo Affaar keessatti hidhamtoota kaampii waraanaa Awash Arba daawwateera. Hidhamtoonni kunniinis, hoggantoota siyaasaa kanneen akka Christian Tadele, Kassa Teshager, Sentayehu Chekol, fi gaazexeessaa Abay Zewdu dabalata.

Fulbaana keessa, poolisiin naannoo Tigraay hoggantoota deeggartootaa fi mormitoota bulchiinsa yeroo Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF)n durfamu irratti hiriira ba’uuf waamicha dhiyeessan, erga aanga’oonni hiriira kanaaf hayyama kennuu didanii booda, reebanii too’annaa jela  oolchan.

Mootummaan federaalaa irra deddeebi’uudhaan akkaataa argachuu Intarneetaa fi miidyaa hawaasaa daangessaa ture. Tigray keessatti, cufama intarneetaa yeroo dheeraa booda, bilbilaa fi intarneetni dhawaataan gadi lakkifamee jira.

Jalqaba Gurraandhalaa keessa, waldhabdee manaa amantaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti uumame hordofuun naannoo oromiyaatti mormiin erga ka’ee booda anga’oonni waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa akka hin seenne daangessan. Erga jeequmsi naannoo Amaaraa keessatti ka’e cimee aanga’oonni yoo xiqqate yeroo lama intarneeta mobaayilaa hokkoraniiru.

Adeemsa Sirrii, Mirga Dhaddacha Haqaa

Abbootiin taayitaa federaalaa fi naannoo Itiyoophiyaa adeemsa haqaa murtaa’e irratti to’annoo taasisaniiru, keessattuu bakka mootummaan qeeqametti ykn hoggantootni mormituu qooda fudhatan keessatti qaamoleen qorannoo deddeebiidhaan ol iyyannoo gaafatu ykn murtii mana murtii hin fudhatani.

Anga’oonni Itoophiyaa Hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo torba erga bara 2020 irraa kaasee ajajni seeraa hedduun akka isaan gadi lakkifamaniif taasifamus, hanga ammaatti hidhee  argama.

Baqattoota, Koolugaltoota, fi Koolugaltummaa Gaafattoota

Humnootni nageenyaa Itoophiyaa koolugaltoota, baqattootaa fi gaafattoota koolugaltummaa Eertiraa sababa malee Finfinnee fi naannoowwan biyyattii biraatti hidhuu isaanii caamsaa keessa gabaasaalen uummataa bahan ni agarsiisu.  Bitooteessa 2020 keessa anga’ootni Itoophiyaa gaafattoota koolugaltummaa Eertiraa irraa dhufan haaraa galmeessuu dhaabaniiru.

Gareen ogeessota DHMG wallaba ta’an hojjataniixumura ji’a Waxabajjii keessa mootummaan Etoopiyaa jumlaadhan lammiilee Eertiraa dhibboota ari’uu isaa qeeqanii anga’ootni hidhaa sababa malee fi baqattoota, koolugaltootaa fi gaafattoota koolugaltummaa biyyatti deebisuu hatattamaan akka dhaabu gaafataniiru.

Lola naannoo Amaaraa keessatti jalqabe hordofee, baqattootni Eertiraa kaampii Alewach keessa jiran qaamolee hin beekkamneen haleellaan irratti raawwatameera.

Gargaarsi nyaataa DHMG fi USAID irraa kennamu dhaabbachuun isaa baqattoota fi gaafattoota koolugaltootaa 900,000 kan itoophiyaan walakkeessa 2023 keessa simattee jirtu, baqattoota Sudan kan erga lolli Sudan keessatti Eebla jalqababee as dhufan irratti dabalatee dhiibbaa hamaa geessiseera.

Itti Gaafatamummaa fi Haqa

Dararaawwan ciccimoo durii fi ammaa, kan yeroo lolli kaaba Itoophiyaatti geggeeffamaa turees dabalatee, itti gaafatamummaan hiika qabeessaa hin jiru.

Waliigaltee waraana dhaabuu Sadaasa 2022 taasifame hordofee, mootummaan Itoophiyaa poolisii haala hojii kan haqummaa ce’uumsa biyyaaleessaa gaafatamummaan, dhugummaan, araarri, fi fayyummaan akka jiraatuuf hojjachuurratti cichoomina agarsiisee jira. Amajjii 2023 marii hawaasaatiif akka bu’uura ka’uumsaatti akka ta’uuf wixinee “Imaammata Filannoo Ce’umsa Haqa qabuu (Green Paper)” jedhu gad lakkisee jira. Mootummaan Gurraandhala irraa kaasee, naannoo Amaaraa fi naannoo Oromiyaa bakkeewwan waraana miidhaman, irraa yaada fudhachuu jalqabeera. Fulbaana keessa gabaasni lammaffaan Komishiniin Ogeessota Mirga Dhala Namaa DHMG kan Itoophiyaa, mootummaan “rakkinoota sirnaan qorachuu hin dandeenye” akkasumas “adeemsa ca’uumsa haqummaa sirrii hin taane kan jalqabe” ta’uu agarsiiseera.

Gartuuwwan siyaasa mormituun, gartuuwwan dhaabbilee namoomaa, ogeessotni mirga dhala namaa Itoophiyaa, hirmaattotni marichaa waraqaa tarsiimoo, dhimma birmadummaa, irratti xiyyeeffachhuudhaan, marichi hammatamummaa kan hin qabne. Dabalataan yeroon marii kenname yeroo lolli adeemsifamaa jirutti ta’uu isaa qeeqaniiru.Tigraay keessatti, hirmaattonni sanadichi itti gaafatamummaa humna Eertiraa kan hin agarsiifne ta’uu isaa deddeebiidhaan yaaddoo qaban ibsataniiru.

Mootummaan duula isaa mirga qorannoo walabaa taasifamu irratti taasisu ittuma fufee jira, kanaanis Bitooteessa keessa Mana Maree Nageenyaa DHMGtti hayyama ICHREE kaasuu akka danda’u seera dhiyeessudhaan sodaachisee jira. Akkasumas mootummaan Komishinii Mirgoota Dahala Namaa (ACHPR) tti Komishinii Qorannoo Tigraay kan Caamsaa keessa qorannoo isaa bu’aawwan qorannoo isaatii fi eeruuwwan isaa utuu gad hin lakkisin xumuramte waliin hojjachuuf hayyamamaa hin taane.

Qooda Fudhattooat Idil Addunyaa Ijoo

Amajjii keessa, ministerootni dhimma alaa Faransaay fi Jarman gara Itoophiyaatti imaluudhaan, Gamtaan Awurooppaa hariiroo isaa mootummaa waliin qabu sirnatti deebisuudhaaf, yeroo waraana waggaa lamaaf turee keessatti miidhaawwan baayyee qaqqabaa turaniif gaafatamuuaan jiraachuu akka qabu gaafataniiru. Bitootessa keessa US fi mootummootni miseensa EU Itopphiyaan ICHREE kechuutti kutuuf sodaachisuu ishii irratti deebisaa kennaniin, gabaasa ICHREE Fulbaana dhufuu akka gabaasa “xumuraatti” akka ilaalan irratti waliigalaniiru. Onkololeessa keessa, EU’n, seera komishinaricha hundeessuu Hagayya 2021 keessa kan hogganaa ture, Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti kan ICHREE dhaaf turmaata seerawaa isaa haaromsu ykn haala Itoophiyaa keessa jiru irratti sarbama mirga dhala namaa kan akkasumatti tursiisu irratti dhiyeessuuf wixinee kamiiyyuu fiduu hin dandeenye.

Manni Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awuroppaa (EU), barbaachisummaa gaafatamummaan jiraachuu irra deebiin himuudhaan xumura baatii Eblaa keessa kaa’eera, haata’uu malee safartuu hirmaannaa EU’n Itoophiyaa waliin qabaattuu xiqqaa kanaafis Itoophiyaan ICHREE waliin hojjachuu diduu, akkasumas waantoota gaafataman; haqummaa kan EU’n jalqaba yeroo waraanaa irratti gaafate dabalatee, irratti jijjiiramni kan hin jirre ta’uu agarsiiseera. Onkololeessa keessa, EU’n kuufama gargaarsaa  miiliyoona €650 Itoophiyaadhaaf kennamuuf murtaa’e kan sababa waraanni Tigraay keessatti jalqabamuu isaatiin 2020 keessa uggurame, akka tarkaanfii gara sirreessa hariirootti kaa’eera.

Bitootessa keessa, Mootummaan Ameerikaa yeroo waraana kaaba Itoophiyaatti ifatti yakkootni jajjaboon jiraachuutti beekkumtii kennuudhaan, yakka waraanaa fi yakka mirgoota dhala namaa Itoophiyaa keessatti raawwachuu agarsiiseera. Ji’oota sadi booda, bulchiinsi Pirezidaantii Joo Baayidenii mootummaan Itoophiyaa kana booda “sarbamiinsa mirga dhala namaa keessatti” kan hirmaachaa hin jirre ta’uu fi biyyattiin Ameerikaa fi liqiiwwan addunyaa biro akkasumas gargaarsa mallaqaatiif ulaagaa kan guuttu ta’uu Waxabajjii keessa Koongeresiin beeksisee jira.

Fulbaana keessa, Ameerikaan ajaja hoji raawwachiiftuu kan qoqqobbii 2021 kan bulchiinsaa fi namoota dhuunfaa sarbamiinsa mirgoota dhala namaa kaaba Itoophiyaatti muudateef kaa’ame keesssa deebiidhan ilaalee jira. Hanga hardhaatti, qaamolee fi namoota dhuunfaa Eertiraa qofa qoqqobbii irra kaa’ee jira.