Skip to main content

Itoophiyaa

Taateewwan 2022

Mooraa qubsuma buqqaatota biyya keessaa kaaba naannoo Affaar, Itoophiyaa, magaalaa Dubti cinaatii diigame Waxabajjii 7, 2022.

© 2022 EDUARDO SOTERAS/AFP

Waldhabdeen hidhannoo waggoota lamaaf kaaba Itiyoophiyaa keessatti Adoolessa 2020 eegale, lammiilee nagaa irratti miidhaa hamaa geessisuu itti fufeera. Adoolessa keessa qaamolee waraanaa gurguddoon waliigaltee irra ga’ameera. Humnoonni nageenyaa kan gama mootummaa fi gareewwan hidhatan miidhaa hamaa naannolee biroo keessatti, addatti immoo Oromiyaatti raawwataniiru. Angawoonni naannoolee walitti bu'iinsaan miidhaman keessatti tajaajila intarneetii fi qunnamtii bilbilaa irra deddeebiin addaan kutaniiru, waliin intarneetii fi malli qunnamtii biroo Tigraay keessatti  Waxabajjii 2021 irraa eegalee adda citee jira.

Waldhabdee fi jeequmsi naannolee hedduu keessatti uumame, gogiinsa uumametti aansee balaa namoomaa addunyaa irratti isa guddaa ta’e tokko hammeesse. Bara 2022tti namoonni miiliyoona 20 ol gargaarsa namoomaa barbaadaniiru.

Dhiha Oromiyaatti lola humnoota mootummaa fi gareewwan hidhatan gidduutti uumameen gama hundumaan miidhaa hamaan akka qaqqabu taasisee jira.

Gaazexeessitoonni, dhaabbileen hawaasa siivikii fi namoonni ummataafi dubbatan biyyattiitti yeroo yeroon haala gabaasuuf rakkisaa fi daangeffamaa ta’etu isaan muudate.    

Walitti dhufeenyi saala walfakkaataa waliigalteedhaan raawwatamu seeraan ala kan ta’ee fi adabbii hidhaa hanga waggaa 15 kan qabudha.

Kaaba Itiyoophiyaa keessatti, akkasumas Oromiyaa keessatti qaamotni wal waraanan seera addunyaa cabsuu ragaaleen baay’achaa dhufus, sochiin mootummaan miidhaa darbee fi ammaa irratti itti gaafatamummaaf godhu gahaa kan hin taane akkasumas iftoominaa fi to’annoo walabaa kan hin qabne ta’uu ibsameera.

Waldhabdee Kaaba Itoophiyaa

Dhiibbaan addunyaa osoo hin mul’atiin waldhabdeen kaaba Ityoophiyaa waggaa lammaffaaf itti fufeera.

Godina Lixa Tigraay keessatti duulli duguuggaa sabaa yakka dhala namaa irratti raawwatamu, ummata Tigraay irratti qondaaltota haaraa muudamanii fi humnoota nageenyaa fi milishoota naannoo Amaaraatiin gaggeeffamaa ture itti fufeera.

Amajjii 7 haleellaan diroonii mootummaan mooraa mana barumsaa Daddabiit kan lammiilee Tigraay Lixa Tigraay irraa buqqa’an kumaatamaan lakkaa’aman keessummeessu keessatti raawwatameen  yoo xiqqaate lammiileen nagaa 57 du’uu fi 42 ol madeesse.

Aanga'oonni Itoophiyaa waggaa guutuu Tigiraay irratti marfama bu'a qabeessa ta'e kan seera namoomaa idil-addunyaa cabse itti fufanii turan. Walakkeessa Muddee 2021 hanga Ebla 1, 2022, akkasumas dhuma Hagayyaa hanga Adoolessa 16tti, konkolaataan gargaarsa namoomaa naannicha keessa hin seenne. Sadaasa 24, mootummaan federaala “yeroo hin murtoofneef waraana namoomaa dhaabuu” labsee akkasumas dhumarratti gargaarsi akka dirqama ta’etti Tigraay akka ga’u taasiseera garuu deebiin kenname hamma fedhii waliin wal hin simne.

Tajaajiloonni bu’uuraa, furtuu lubbuun jiraachuu bu’uuraa namootaa, keessattuu baankii, ibsaa fi qunnamtiin cufamanii turan. Gabaasni Hagayya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii rakkoo nyaataa hamaa Tigraay keessatti mul’ate kan ibse yoo ta’u,naannolee qorannoo kanarratti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 89 keessatti wabii nyaataa dhabuu fi daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e sadii keessaa tokko hanqina nyaataa cimaa akka qaban ibseera.

Affaaritti, walitti bu’iinsi daangaa Tigraay, humnoota Tigraay fi humnoota Affaar gidduutti, dhuma Muddee 2021 irraa eegale, jalqaba bara 2022 jabaatee, ajjeechaa, dhukaasa, fi lsaamichi humnoota Tigraayiin raawwatame gabaafamaa ture.

Humnoonni Affaar dhuma Muddee 2021 magaalaa guddoo naannoo Affaar, Samaraa keessatti lammiilee Tigiraay gara 9,000 ta’an, bakka tursiisaatti walitti qabuun ji’oota hedduudhaaf ukkaamsaniiru. Hidhamtoonni gargaarsi daangeffame kan argatan yoo ta'u haala achi keessa jiruun kudhan hedduun du'uu isaanii gabaafameera.

Lolli humnoota Itiyoophiyaa fi michoota ishee wajjiin humnoota Tigraay irratti Hagayya 24 deebi’ee eegale. Gargaarsi lafarraa fi qilleensaa Tigray seenuuf godhamu addaan cite. Humnoonni Tigraay boba’aa mana kuusaa UN magaalaa guddoo Tigraay Mekelleetti kuufame to’ataniiru.. Humni waraanaa Eertiraa haleellaa irratti hirmaachuu fi haleellaan qilleensaa naannoo Tigraay keessatti dabaluun lolli cimaa dhufuu isaa gabaafame.

Haleellaan xiyyaaraa Adoolessa 27 magaalaa Adi Daaroo keessatti naannoo mana jireenyaa irratti raawwatameen lubbuun namoota saddeet yoo darbu, 13 ammoo madaa’eera. Haleellaan naannoo Adi Daarootti itti fufee jira, Onkoloolessa 4 haleellaa qilleensaatiin buqqaatonni 50 ol ajjeefamaniiru. Cimini duula Itiyoophiyaa fi Eertiraa naannoo magaalaa Shiree ajjeechaa, qabeenya manca’uu, fi buqqa’iinsa dabalataa fide. Waxabajjii 14 haleellaan xiyyaaraa magaalaa Shiree irratti raawwatameen namoota nagaa lamaa fi hojjetaa gargaarsaa koree baraarsaa idil-addunyaa gargaarsa lubbuu baraaruu geessu tokko ajjeese.

Lolli baatii Adoolessaa keessa naannoo Amaaraa fi Affaaritti geggeeffame buqqa'iinsa dabalataa, danqa qaqqabummaa gargaarsa namoomaa, akkasumas yeroo to'annoo isaaniitti magaalaa Qobboo keessatti, loltoota Tigraay ajjeechaa seeraan alaa jiraattota Amaaraa irratti raawwatame saamicha, fi manca'uu qabeenyaa gabaasni dhiyaateera.

Sadaassa 2 mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa fi aangawoonni Tigraay marii guyyoota 10f Gamtaa Afrikaan durfamu hordofuun Afrikaa Kibbaatti waliigaltee diinummaa dhaabuu irra ga’aniiru.

Miidhaa Humna Nageenyaa, Haleellaa Garee Hidhattootaa

Naannolee jeequmsi, tasgabbii dhabuu fi walitti bu’iinsi mudatan biroo keessatti ajjeechaan seeraan alaa, hidhaan jumlaa, hidhaa fedhii malee, fi jeequmsi namoota nagaa irratti raawwatameera.

Waxabajjii 14 humnoonni mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi gareewwan hidhattoota Adda Bilisummaa Gaambeellaa waliin magaalaa guddoo naannoo Gaambeellaatti walitti bu'aniiru. Humnoonni mootummaa magaalattii erga to’atanii booda sakatta’iinsa manaa manaa gaggeessuun jiraattota gareewwan hidhatan waliin tumsuun shakkaman gabaabinaan ajjeesaniiru.

Kutaaleen Oromiyaa sababa sochii mootummaan WBO irratti raawwateen lolli yeroo dheeraa mudate. Waxabajjii 18, Hidhattoonni hidhannoo cimaa hidhatan namoota nagaa Amaaraa gara 400 ta’an, gandoota Godina Weeleegaa Lixaa, Oromiyaa, fi naannoo ollaa Beenishaangul-Gumuz keessatti mana jireenyaa fi manneen daldalaa barbadeessuun isaanii ni yaadatama. Torban lama booda, Bitootessa 4, Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa keessatti haleellaa raawwattonni  lammiilee Amaaraa nagaa irratti haleellaa raawwachuun namoota hedduu ajjeesan.

Jalqaba baatii Sadaasa keessa humnoota mootummaa Itiyoophiyaa fi WBO gidduutti lolli cimee kan ture yoo ta’u, sababa lolaa fi haleellaa qilleensaatiin lubbuun namoota nagaa akka darbe gabaafameera. Lixa Oromiyaa keessatti qabsaa'onni naannoo Amaaraa irraa Godina keessa socho'an gabaafamaa ture. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka gabaasetti jeequmsi naannoo sanatti mudate buqqa’iinsa biyya keessaa haalaan akka dabaluu fi bu’uuraaleen misoomaa akka manca’u taasiseera.

Dhuma baatii ji’a Bitootessaa keessa gareen hidhatee Al-Shabaab magaalota humnoota addaa naannichaa keessummeessan sadii naannoo Somaalee Itiyoophiyaa keessatti weerara kan raawwate yoo ta’u, waggoota kurnan oliif haleellaa akkanaa kan jalqabaa dachee Itoophiyaa irratti raawwatame.

Bilisummaa Yaada Ibsachuu, Miidiyaa, fi Gurmaa’uu

Anganni gaazexeessitoota hedduu to'annoo jala oolchuun, ajajni mana murtii akka gadhiifaman kennamus, torban hedduudhaaf himannaa malee hidhaniiru. Sadaasa 2021 keessa aanga'oonni gaazexeessitoota Oromia News Network Dassuu Dullaa fi Biqilaa Amaanuu, kanneen walitti bu'iinsa Tigraay fi Oromiyaa keessattii ture gabaasan to'annoo jala oolchaniiru. Dassuu fi Biqilaa hanga Eblaatti himannaa sirnaa malee hidhamanii kan turan yoo ta'u, abbootiin alangaa yakka heera mootummaa faallessuun himatanii adabbii du'aa gaafatan. Angawoonni walakkeessa baatii Sadaasaa keessa Dassuu fi Biqilaa lamaan isaanii gadhiisaniiru.

Gaazexeessitoonni fi namoonni dhuunfaa seeneffama qeeqaa yokaan kan mootummaa federaalaa irraa adda ta’e dhiyeessan doorsisni, hidhaa fi ari’amuun isaan mudateera. Ji'a Caamsaa keessa humnoonni nageenyaa qopheessaa sagantaa marii, Addis Ababa keessa jiraatan kan mootummaa fi waraana kaaba Itoophiyaa qeeqaa turan Salamoon Shumiyyee to'annoo jala oolchaniiru. Solomoon gaazexeessitoota 19, Goobazee Sisaay fi Ma'aazaa Mohammed dabalatee, Caamsaa 19 hanga jalqaba baatii Adoolessaa gidduutti hidhaman keessaa tokko yoo ta’u kunis qaama tarkaanfii mootummaa bal’aa naannoo Amaaraa qofa keessatti namoonni 4,500 ol to’annoo jala oolaniiru. Goobazee fi Ma'aazaan lamaan isaanii booda gadhiifaman, achiis baatii Fulbaanaa keessa aanga'ootaan irra deebi'anii to'annoo jala oolan.

Ji’a Caamsaa keessa aanga’oonni federaalaa beekamtii Tom Gardner, Gabaasaa Ikkonoomistii Finfinnee ofirraa deebisuun biyya keessaa ari’aniiru.

Fulbaana 6 humnoonni nageenyaa konfiraansii nagaa garee dhaabbilee hawaasa siivikii biyya keessaa 35 Finfinneetti qopheesse diiganiiru. Boodarra sagantichi toora interneetii irratti kan gaggeeffame yoo ta'u, boodarra gareen kun ibsa waloo baaseen nagaa akka uumamu gaafateera. Guyyaa lama booda, qondaalli federaalaa tokko ibsa isaanii kana akka deebisanii haqan gochuuf garee kana sodaachiseera.

Aanga’oonni Federaalaa Tigraay keessatti cufiinsa intarneetii fi telekoomii isaanii Waxabajjii 2021 irraa eegalee kan ittifufan yoo ta’u, kutaalee Oromiyaa nageenya dhabuun mudate keessatti tajaajila addaan kutuun gabaasa yeroo qabatamaa gufachiiseera.

Adeemsa Seeraa fi Mirga Dhaddacha Haqaa

Ji'a Amajjii keessa mootummaan himannaa namoota mormitoota siyaasaa olaanoo hedduu kanneen akka Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Iskindir Naggaa dabalatee  kan aanga'oonni ji'a Waxabajjii 2020 ajjeechaa weellisaa Oromoo Hacaaluu Hundeessaa booda ukkaamsanii turan kuffisee ture.

Namoonni siyaasaa mormitootaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa bara 2020 irraa eegalee hidhaman, ajajni abbaa seeraa Irra deddeebiin mirga wabiitiin akka hiikaman qajeelfama kennus hidhaa keessa jiru. Hidhaa Waggaa lamatti siqu erga hidhamee booda Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Caamsaa 25 gadhiifamus, namoonni ABO biroo hidhaa keessatti sarbama adeemsa sirrii hamaa isaan mudachuu itti fufee jira, gariin isaanii dhukkubsachaa jiru,   kunis sababa kunuunsa fayyaa gahaa dhabuu irraa kan ka’e ta’uu gabaafameera.

Guraandhala 15 miseensonni mana maree Itiyoophiyaa labsii yeroo muddamaa guutuu biyyaatti Sadaassa bara 2021 labsamee ture kan lammiileen Tigraay idilee jumlaan akka hidhaman taasise xumuraniiru. Lammiileen Tigraay himannaa malee ji'oota hedduudhaaf hidhamanii kan turan yoo ta'u, lammiilee Tigiraay Sa'udii Arabiyaa keessaa ari'aman dabalatee, haala hamaa irra ga'aa turan.

Humnoonni nageenyaa federaalaas ji’a Adoolessaa keessa Kibroom Barihee, fi ji’a Hagayyaa keessa Hayiluu Kabbadaa, mormitoota Tigraay fi qeeqxoota sagalee guddaa walitti bu’iinsa Tigraay keessa jiran irra deebi’anii to’annaa jala oolchaniiru. Onkololeessa keessas aanga'oonni Kibroom fi Hayiluu gadhiisan.

Buqqaatota Biyya Kessaa fi Baqattoota

Itiyoophiyaan buqqa’iinsa keessoo bal’aan mudachuu itti fufteetti, harki guddaan waldhabdee hidhannoo irraa kan ka’e, itti aansuunis gogiinsa fi balaawwan uumamaa biroo. Lakkoofsi waggaa guutuu kan jijjiirame yoo ta’u, hanga Bitootessa 2022tti akka biyyaatti buqqaatonni biyya keessaa (IDPs) miliyoona 5.6 ta'u, namoota miliyoona 2.8 deebi’an (IDPs duraanii) dabalatee.

Baqattoonni walitti bu'iinsaa fi jeequmsa biyyattii keessatti uumameen dhiibbaan irra ga'eera. Amajjii 18 naannoo Benishaangul Gumuz keessatti kaampii baqattoota Sudaanii fi Sudaan Kibbaa kuma 10 ol keessummeessu gareewwan eenyummaan isaanii hin beekamnee fi humnoota federaalaa gidduutti lolli egaa uumame booda saamamee gubateera.

Haleellaan qilleensaa Amajjii 5 kaampii baqattootaa Mai Aini Tigray irratti raawwatameen baqattoota Eertiraa sadii, daa’imman lama dabalatee lubbuun isaanii darbeera. Guraandhala 3 namoonni hidhannoo qaban kaampii baqattootaa Berahle baqattoota Eertiraa Affaaritti keessummeessan seenuun meeshaalee saamanii, baqattoota shan ajjeesanii, dubartoota hedduus butaniiru. Haleellaan kun baqattoonni kumaatamaan lakkaawaman akka baqatan taasiseera. Ji’a Fulbanaa keessa yeroo adda addaatti Komishinarri Olaanaan Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sababa lola haaromfameen kaampii baqattootaa fi iddoowwan buqqaatota keessaa kaabaa hedduutti argamuu Dhaqqabuu dhabeera. Ji’a Onkololeessaa keessa ogeeyyiin mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gabaasa butamuu baqattootaa fi dubartootaa fi shamarran biyya keessaa buqqa’anii kaaba Itoophiyaa keessatti waldhabdee jalaa baqatan kaasuun isaanii ni yaadatama.

Hirmaattota Idil-addunyaa Ijoo

Tattaaffii hawaasni idil-addunyaa hokkarri akka dhaabbatu akkasumas mariin sirnaa akka eegaluuf, mootummaa Itoophiyaa fi aangawoota Tigraay gidduutti taasifame bara 2022 keessaa harka caalu bu’aa xiqqaa argamsiiseera. Kallattiin kan hirmaatan Ergamtoota Addaa kan gaanfa Afrikaa, Gamtaa Afrikaa (AU), Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii turan. Waliigaltee dhaabbachuu diinummaa qaamoleen waraanaa gurguddoon lamaan Sadaasa 2 irra ga’an battalumatti gargaarsi namoomaa fi tajaajilli bu’uuraa Tigiraayiif akka deebi’u kan hin geenye yoo ta’u itti gaafatamummaa irrattis ibsi sirnaa kan hanqatu ta’uu isaa,ibsuun hordoffiin mirgaa cimaan deeggartoota idil-addunyaa ijoo ta’aniin barbaachisaa ta’uu isaa kan mul’isudha.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaa irratti baay’inaan laamsha’ee kan ture yoo ta’u Gaaboon, Gaanaa, fi Keeniyaan (miseensonni filataman sadan hanga dhuma bara 2022tti Mana Maree Nageenyaa irratti Gamtaa Awurooppaa bakka bu’an) irra deddeebi’anii marii ummataa waa’ee Itoophiyaa mana maricha keessatti taasifamu kamiyyuu ugguranis, haa ta'uu malee marii balbala cufamee walitti bu’iinsa kanaa irratti taasifamuuf banaa turan. Onkololeessa 21 miseensonni Afrikaa mana maricha keessa jiran haalli hammaataa dhufe kana ilaalcha keessa galchuun walgahii Mana Maree Nageenyaa balbala cufamee Ityoophiyaa irratti waamuun ibsa Raashiyaa fi Chaayinaan uggurame gadhiisuuf yaalaniiru.

Amajjii bara 2022 keessa Ameerikaan dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Itoophiyaa fi qaamoleen waldhabdee kaaba Itoophiyaa keessatti wal lolan irratti yaaddoo qabduun mirgoota daldalaa Itiyoophiyaan seera carraa guddina Afrikaa (AGOA) jalatti argatte  addaan kuttee turte. Ji’a Fulbaanaa keessa Pirezedaantiin Ameerikaa Joo Baayiden ajaja hojii raawwachiiftuu bara 2021 kaaba Itoophiyaa keessatti namoota dhuunfaa fi qaamolee dhiittaa mirga namoomaaf itti gaafatamummaa qaban irratti sirna qoqqobbii hundeesse haaromsee ture, garuu qaamolee fi namoota dhuunfaa Eertiraa qofa irratti qoqqobbii kaa’eera.

Muddee 2021 keessa Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii komishinii idil-addunyaa walaba ta’e kan himannaa sarbama seera idil-addunyaa qaamolee hundaan Sadaassa bara 2020 irraa eegalee dhiyaate qoratu hundeesse. Angawoonni Itiyoophiyaa aangoo komishinichaa kan kuffisan yoo ta’u,, baatii Sadaasaa keessa murtee koree baajata Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti maallaqa isaa hir’isuuf  dhiheessan. Koreen baajataa murtee kana kuffiseera.

Komishinichi gabaasa isaa jalqabaa baatii Fulbaana keessa maxxansee qaamoleen walitti bu’iinsa kanaa hundi yakka waraanaa raawwachuu isaanii, humnoonni federaalaa Itiyoophiyaa fi humnoonni michuu ta’an ummata Tigraay irratti yakka dhala namaa irratti raawwachuu isaanii argateera. Itiyoophiyaan argannoo kana kuffisuun aangoo komishinichaa haaromsuu mormiteetti. Onkololeessa 7, miseensonni mana maree aangoo komishinichaa waggaa tokkoof akka haaromuuf sagalee kennaniiru.

Gamtaan Awurooppaa miidhaa qaamoleen waraanaa kaaba Itoophiyaa keessatti raawwatan sagalee guddaadhaan qeequun itti fufee, goolama cimaa ta’e qaqqabummaa gargaarsa namoomaa irratti godhame akka kaafamu irra deddeebiin gaafateera. Waxabajjii 6, Paarlaamaan Awurooppaa haala mirgaa Tigraay irratti murtee fudhatee, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu argateera. Gamtaan Awurooppaas Mana Maree Mirgoota Namoomaa irratti Itoophiyaa irratti gahee adda duree taphateera, haa ta’u malee biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa gidduutti wal qoqqoodamuun tarkaanfiiwwan biroo kan akka uggura meeshaa waraanaa akka hin fudhatamne taasiseera.

Michoonni Itiyoophiyaa idil-addunyaa hedduun erga walitti bu’iinsi ka’ee as gargaarsa namoomaa biyyattiif taasifamu dhaabsisus, baatii Eblaa keessa Baankiin Addunyaa yaaddoon raawwii pirojectichaa marse jiraatus, Tigraay dabalatee naannolee walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti xiyyeeffannoo taasisuu fi tattaaffii deebisanii dhaabuu tumsuuf deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 raggaasisee jira .