Imaammata mootummaan hordofuufii ukkamsa hamaa qaamolee nageenyaan qaqqabu irratti mormiin waggootaaf erga godhamee booda qabinsi mirga namoomaa Itoophiyaa ji’a Ebla, erga Dr Abiy Ahmed muummicha ministeeraa ta’erraa kaasee hundeen jijjiirameera. Mootummaan ji’a waxabajjii keessa labsii yeroo muddamaa kaasuun Dr Mararaa Guddinaafii Iskindir Naggaa dabalatee hidhamtoota siyaasaafi gaazexeessitoota kumootaan lakkaayaman mana hidhaatii gadi dhiiseera. Dabalataaniis ukkaamsa internetaa kaaseera. Humnootni tikaa dirqiin jecha fuudhaa turuu amanuun seerota hedduu haaromsuuf kutannoon kan hojjatu ta’u beeksiseera. Haaromsa heddu calqabuunis qabinsa mirga namoomaa haalaan fooyyessuuf karaa saaqeera.

Ji’a Adoolessaa keessa Itoophiyaafii Ertiraan wal-dhabdee waggoottan kurnan darbaniif turan furuun waliigaltee nagaa buusuu mallatteessuun murtee komishinii daangaa Idil-addunyaa kan bara 2002 murtaayee hojiirra oolchuuf walii galaniiru. Walittii dhufeenyii biyyoottan lameenii erga loltoonni gamlameenii magaala daangaa Baadimmee jedhamtutti bara 1998titti walitti bu’anii kaasee qunnaamtii baayyee qorraafii kan lolaa ture.

Paarlaamaan biyyattii ji’a waxabajjii keessa walgayuun qoqqobbii paartilee mormituu sadan: Adda Bilisummaa Oromo (ABO), Adda Bilisa Baasaa Ogadenii (ONLF) fii Ginboot torba irratti labsee ture kaaseera. Mootummichi maqaa badii ittisuu jedhu fayyadamuun paartilee mormituu, aktivistootaafii gaazexeessitoota partilee kanneeniin hidhata qabu jedhamanii shakkamman irratti haleellaa gara-jabeenyaan guutame raawwachaa ture. Paartileen kunneeniifi kan biroos yeroo ammaa kanatti biyyaa ambaatii gara biyyaatti galaa jiru.

Paartiin biyya bulchu Addi Dimokratawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa  (ADWUI)n teessoo paarlaamaa biyyattii dhibbeentaa guutuu (100%) dhuunfachuu irraan kan ka’e jijjiirama siyaasaa kana itti fufsiisuu irratti dhaabbileefi seerotni jiran danqaa ta’anii itti fufu. Reebichaafi ajjechaa murtii malee raawwate dabalatee, dhiittaa mirgaa woggoottan hedduuf raawwataniif itti gaafatammumma fiduu, akkasumas dirree siyaasaa paartilee siyaasaafi dhaabbilee siviiliitiif  banuun ammayyuu qormaata bulchiinsa haaraa kana hudhanii qaban keessa jiru. Inumayyuu jijjiiramni deemaa jiru kun dhabinsa dhabbilee bilisa ta’anii irraa kan ka’e dhumarratti gufachuu akka dandda’u wantootni akeekan jiru.

Hiriira nagaa magaala guddittii Finffinneetti Fulbaana darbe godhame irratti namootni shan rasaasa humnoonnii tikaa dhukaasaniin dhayamanii lubbuun darbaniiru. Mormitoonni haleellaa sanyii irrati xiiyyeeffatee, humnaan qeyeerraa buqqayuufi keessattuu ajjechaafi gudeeddaa calqaba ji’a fulbaanaa irratti naannoo Oromiyaa keessatti raawwateef mootummaan eegumsa hin goone  jechuun qeeqani. Haleellaan sanyii irratti xiyyeeffateefi buqqaatiin biyya keessa lubbuu namootaa balaaf saaxiluu akkuma itti fufetti jira. Walitti bu’insa hawaasaa yeroo tokko tokkoo humnootni tikaa naannoofi mootummaaleen naannoo harka keessaa qaban irraan kan ka’e lammiileen miliyoona lamaa olitti lakkayaman qeyeefi qabeenya isaniirraa

Mirga gurmaayuufi yaada ofii bilissaan ibsachuu

Itoophiyaaan gaazexeessitoota sirna-malee hidhamaniifii kaka’umsa siyaasaan himataman kan akka Iskindir Naggaafi Wubishat Taayyeefaa kan waggaa jahaaf hidhaman of keessaa qaban gadhiifteerti. Abbaan Alangaa federaalaa himannaa biloogaroota, gaazexeessitoota, dhaabbilee miidiyaa biyya ambaa mandheeffatanii kan akka OMN if ESAT kan duraan jeequmsa kakaasuun himataman hunda addaan kuteera.

Waamicha muummee ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahmediif owwaachuun dhabbileen midiyaa OMN fi ESAT ji’a waxabajjii keessa wajjira isaanii Finffinneetti banataniiru. Itti dabaluunis mootummaan Itoophiyaa qoqqoobbii marsariitiiwwaan dhibba lamaafi shantama irra ture kaaseera. Hiriira mormii bara 2015 boodaa ukkamsi interneetaafii aappii moobayilaa irra tures kaafamera.

Seerotnii Itoophiyaa mormii ukkamsuufii walqunnamtii lammiilee danquuf bahan labsii dhabbilee arjoominaafi hawaasotaa, labsii miidiyaafi labsii farra shororkeessummaa dabalatee hedduun isaanii yeroo barreeffamni qophayuttii fooyya’aa jiru.

Reebicha, roorroofi hidhaa seer-malee

Ragaaleen amansiisoon heddu jiraatanus aangawoonnii mootummaa rebichi hidhamtoota irratti raawwachuu waakkachaa turan. Muummichi ministeera Dr Abiy Ahmed reebichii fi malleen seeraan alaa hedduun shakkamtoota irratti raawwatamaa turuu amanuun gochoonni kunnen shorrorkeessummaa mootummaan raawwate jechuun ibsaniiru.

Calqaba bara kana irrattii Itoophiyaan mana hidhaa maa’ikalaawwii jedhamu kan hidhamtootni siyaasaa hedduun keessatti reebamaa turuu beekamu cufteerti.

Adoolessa darbe keessa miidiyaleen gabaasaa dhiittaa mirgaa mana hidhaatti hidhamtoota irra gaye hidhamtoota achi turan gaafachuun erga gabaasanii boodaa Abbaan Alangaa bulchitoota manneen hidhaa federaala shan hojirraa ari’eera. Garuu haga yoonaa jarreen kun seeratti dhiyaatanii yakkaan hin himatamne. Manneen hidhaa mootummaa naannolee jalatti bulan gariin isaanii reebicha, gudeeddaa, qabinsa ilma namaaf hin malle, akkasumas gargaarsa fayyaafi ogeessa seeraa hidhamtootaaf hin kennine hedduun ammallee jijjirama deemaa jiruun hin tuqamne.

Abbaan Alangaa Federaalaa ji’a Adoolessaa keessaa qabinsa badaafii reebichaa mana hidhaattii hidhamtoota irra gaye irratti qorannoon gaggeeffamu jiraachuu miidiyaati himee ture. Ji’a Sadaasaa keessa ammoo aangawota tikaa olaanoo murtaayan kan dhiittaa mirga namooma mana hidhaa keessatti raawwachuun shakkaman toyannaa jala oolchuu ibse. Haga guyyaa barreeffamni kun qophaayeetti garuu himatni jara kana irratti baname hin jiru.

Hiriirota mormii bara 2015 fi 2016 guutuu Oromiyaafii naannoolee biroo keessatti adeemsifame irrattii ajjeechaa namootaa kuma tokkoo olii (1000) humnootni tikaa raawwatan irratti qorannoo gaggeessuuf tarkaanfiin mootummaan fudhate homtuu hin jiru. Manni maree jijjirama seeraafii haqaa kan Abbaa alangaa federaalaa jala jiru bilisummaan manneen murtii ijoo jijjirama kanaa ta’uu ibsullee tarkaanfiin qabatamaan manneen murtii federaalaas ta’ee kan naannoo irratti dhufe jiraachuu Human raayits woch quba hin qabu. Ammallee manneen murtii murtee siyaasaa qaama seera raawwachiistuun murtaaye hojiitti hiikaa jiru.

Dhiittaa mirgaa naannoo Somalee

Musxfaa Omar kan bulchinsa abbaa hirree naannoo Somaalee ifatti mormuun beekamu pirezideentii Naannoo Somalee ta’uun Abdii Mohaammed Omer kan Abdi Illey jedhamuun beekamu bakka bu’ee muudame. Pirezideentiin duraanii Abdii Illeeyn keessattuu bara 2007 yeroo lolli humna riphee lolaa Adda Bilisa Baasaa Ogaadeeniifi humna waraanaa Itoophiyaa gidduutti banamee kaasee naannicha dhiittaa mirgaa hamaa jalatti bulchaa ture.

Gidduu bara 2007 hanga calqaba bara 2008tiitti gareen lachuu yakka waraanaa raawwataniiru. Humni waraanaa Itoophiyaammoo addatti gudeeddaa, qeyeerra uummata buqqaasuu, ajjeechaafi reebichaan yakka sanyii namaa irratti

raawwateera.

Aangawonni Itoophiyaa polisii addaa  ijaaruun bara 2008 irraa kaase humni kun itti waamama Abdii Illeey kan yeroo sanitti naannoo Somaalee waggaa saddeettiif bulchaa ture jala galuun humna deebisee waraanu ta’eera. Gareen polishing addaa kun dhiittaa mirgaa hamaa naannichaafi naannolee ollaa akka Oromiyaa keessattis raawwachu ittuma fufee ture.

Poolisiin addaafi dargaggoonnnii Abdii Illeeytiif ajajamoo ta’an jiraattota magaala Jigjigaafi qabeenya isaanii erga haleelanii booda ji’a Hagayyaa keessa aangoo gadhiisuun towannoo jala oolee jira. Ammayyuu towannoo mootummaa jala jiraatus himanni irratti hin banamiin jira. Ajajaan poolisii addaa Somaalee Abdillahii Burraalee maqaa Abdirhaman Labagoolee jedhamuun beekamu ji’a Hagayyaa keessa aangoo isaa gadhiiseera. Abdillahiifi miseensonnii poolisii addaa Somalee akkasumas raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa dhiittaa mirgaa namoomaa geessisaa turuu isaanii ragaan danuun jiraatus himannii tokkollee irratti hin banamne.

Manni hidhaa naannoo Somalee hidhaa Ogaadeen jedhamu kan poolisii addaa Somaleen bulaa ture keessatti hidhamtoonni reebamaa turan. Yaalii fayyaa gayaas argataa hinturre. Gargaarsa abukaattoofi daawwannaa maatii dhorkamuurra darbanii nyaatallee dhorkamanii adabamaa turan. Maxxansa Hiyumaans raayits woch ji’a Adoolessaa keessa baase booda hidhamtootni mana hidhaa Ogaden hedduun gadhiifamaniiru. Manni hidhaa Ogaadenis ji’a Hagayyaa keessa cufameera.

Buqqayinsa biyya keessaa

Itoophiyaa keessa ummanni miliyoona lamaa ol-ta’u qeyeefi qabeenya isaarra buqqayee jira. Kana keessa miliyoonni tokko ji’a Eebla haga Waxabajjii qofattii walitti bu’insa hawaasa Geediyoofi Gujii naannoo uummattoota kibbaafi Oromiyaatiin kan buqqayaniidha. Lolli deebi’ee ka’uu irraan kan ka’e baatii Hagayyaa qofa keessa ummannii 145,000 ol ta’u naannoo Somaleefi Oromiyaa keessaa buqqyaniiru.

Naannawaa Finfinneettis walitti bu’insa sabootaa mudateen ji’a Fulbaanaa keessa namoonni kuma kudha shanitti tilmaamaman buqqaafamaniiru. Walitti bu’insi akkasii ka’uu akka danda’u mallattoolen muldhatanus mootummaan balaa kana hambisuu waan hanqateef buqqayinsa hedduuf sababa ta’eera. Gargaarsa namoomaa irraan kan hafe buqqayinsaafi walitti bu’insa sabootaa kanneenif furmaata waaraa buusuu irratti tarkaanffiin mootummaan federaalaa fudhate jiraachuu Hiyumaan raayits woch quba hin qabu.

Taphattoota Idil-Adunyaa ijoo

Itoophiyaan jijjiirama bara kana gaggeessiteen deeggarsa idil-adunyaa

argachuun gargaarsa dhabbilee arjaa, biyyoota ollaa argachuu ittii fuftee jirti. Gamtaa Afrikaaf teessoo ta’uusheefi humna nagaa eegsiistu mootummoota gamtoomanii keessatti hirmaannaa qabduun akkasumas ittisa shorrorkeessumaa naannichaa kessatti qooda qabduufii dhimma baqattootaa irrattiis michuu warra dhiyaa waan taateef gargaarsa addaa argachaa jirti.

Komishinarrii mirga namoomaa mootummoota gamtoomanii duraanii Zeyid Raad Al Huseen Eebla darbe Itoophiyaa daawwachuun hidhamtoota duraaniifii aangawoota

mootummaa waliin mariyataniiru. Haasawaa isaanii keessatti komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa mootummaa faana hidhata qabu jijjiiruun dhaabbata bilisaa fi amanamaa gochuun haalaan akka barbaachisu jabeessanii dubbataniiru.

Manni maree bakka bu’oota  Ameerikaa ji’a Eebla keessa wixinee mirga namoomaa, olaantummaa seeraafi dimokiraasii Itoophiyaa deeggaru dabarsee ture. Ameerikaan deeggarsa Itoophiyaaf gootuu jabeessuun jijjiirama deemaa jiru akka deeggartus ibsiteerti.

Itoophiyaan miseensa mana maree mootummoota gamtoomaniifi miseensa mana maree mirga namoomaa mootummoota gamtoomanii taatus seenaa gareelee mootummoota gamtomanii faana hojjachuu didduu itti fuftee jirti.

Erga bara 2006 raappoortara addaa Ertiraa Itoophiyaa deemee as gareen raappoortara mootummoota gamtoomanii addaa tokkolle Itoophiyaa seenuuf haayyama hin arganne. Raappoortaroonni reebichaa, bilisummaan of ibsuu, bilisummaan gurmayuufaa Itoophiyaa daawwachuuf gaaffiin dhiyeessan ammallee deebii hin arganne.

Mana maree mootummoota gamtoomanii kessatti Itoophiyaan qabinsa mirga namoomaa biyyootaa heddu ilaalchisee dhaabbiin calaqqisiistu burjaajayaadha. Qoqqobbii meeshalee waraanaa Sudaan kibbaa irra kayamuuf yeroo dheeraaf eegamaa ture deeggaruu diddeetti. Siiriyaa keessatti haleellaan keemikaalaa raawwachuu isaa akka qoratamu ammoo deeggarsa kenniteerti. Ibsa manni maree mootummoota gamtoomanii ji’a Bitootessaa keessaa haalaa qabinsa mirga namoomaa Siiriyaa irratti baases otoo hin deeggariin hafteerti.