Skip to main content

Mirgoonni dhala namaa fi haalli tajaajila namoomaa Itoophiyaatti bara 2021 keessa caalmaatti hammaate. Kunis lammiilee nagaan walitti bu’iinsa ulfaataa Tigraayiin gaag’amuu, hunmoota nageenyaan dararamuu, gartuu hidhataniin haleelamuu fi ajjeechaa naannolee kaanitti hokkara saba bu’uureffateen raawwatamuun wal qabateeti.  Tarkaanfiilen mootummaan Tigraay keessatti fudhateen dhiittaa mirgoota namummaa muudataniif gaafatmni akka jiraatu dhiibbaa idil-addunyaa uumee jira.

Tigraay keessatti, humnoonni mootummaa fi michoota isaa ta’an ummata humnaan buqqisuu, fixinsa akkaan heddummaate, yakka saalaa babal’aa, jumlaan haleellaa xiyyaaraa raawwachuu, saamichii fi haleellaan manneen barnootaa fi hospitaalota irratti raawwatanii jiru. Walakkaa waggaa irratti miidhaaleen kunniin tilmaamaan ummata 350,000 akka beelaaf saaxilaman taasisanii jiru. Waxabajjii gara dhumaarra, erga humnoonni mootummaa iddoowwan hedduu naannoo Tigraay keessaa ba’anii booda, Tigraay marfama keessa galchuudhaan, guutummaatti gargaarsi namummaa naannicha akka hin qaqqabne taasisuun, seerota gargaarsa namoomaa idil-addunyaa cabsuun beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun yakki waraanaa raawwatame tilmaamni jedhu jira. Walitti bu’insichi naannolee Amaaraa fi Affaarittis babal’achuun buqqa’iinsi bal’aan akka uumamu taaseera. Humnoonni Tigraay weerara bananiin ummata Amaaraa nagaa ta’an irra miidhaa cimaa geessisanii jiru.

Filannoon taasifames bilisaan yaada ofii ibsachuu fi gurmaa’uun haalota daangeffaman akkasumas yaaddoon nageenyaa naannolee hedduu keessatti osoo mul’atuu ti. Waxabajjii keessa, paartin siyaasaa biyya bulchaa jiru irra deebiin waggaa shaniif filame.

Dhiha Oromiyaa keessatti, mootummaan duula waraanaa gartuulee mormituu finciltoota ta’an irratti taasiseen gama maraanuu miidhaan hawaasa irratti raawwatamee jira. Haleellan gartuulee hidhtanii fi kanneen eenyummaan isaanii hin beekamneen jiraattota hawaasa Amaaraa irratti raawatus daran dabale.

Itti gaafatamummaan miidhaalee darbanii fi amma ta’aa jiraniif godhamu xiqqaadha. Tigraay keessatti, muummen ministeeraa humnootiin qabeenya saamu fi yakka saalaa irratti hirmaachuu isaanii kan amananii jiran garuu gaaga’amni raawwate salphisanii ilaalan. Mootummaan, humnoonni Ertiraa jiraachuu isaanii ji’ootaaf haaluudhaan qorannoo idil-addunyaa akka hin taasifamne danqe. Qorannoo waloon qaama mootummaan bakka buuse Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjira Komishinii Olaanaa Mirgoota Namoomaatiin (OHCHR) taasifame ibsa baasaniin sarbamiinsi bal’aan mirgoota daangaan hin ugguramne, gargaarsa namoomaa fi baqattummaa irratti gartuuwwan lola Tigraay keessatti hirmaatan hundaan akka qaqqabe, gariin isaanii yakkoota idil-addunyaatti kan ramadaman, addatti, yakka waraanaa fi yakkoota namummaa irratti raawwatamani dha.

Lola Tigraay

Humnoonni Federaalaa Itoophiyaa fi deeggartoonni isaa miidhaa bal’aa Tigraay keessatti raawwatan.

Dhiha Tigraay keessatti, humnoonni naannoo Amaaraa fi milishoonni miidhaalee hedduu raawwatan; ummata Tigiraay kumaatamaan lakkaawwaman humnaan buqqisanii jiru.

Amajjii keessa, humnoonni Itoophiyaa fi Ertiraa erga mandaroota baay’ee naannoo Mahaabara Dagoo jedhamu jiddugala tigraay jirtu haleelanii booda namoota hidhannoo hin qabne kurnootaan lakkaawwaman itti marsuun fixaniiru. Bitootessa 23, loltoonni Itoophiyaa Kaaba baha Tigraayitti, imaltoota otoobisii ummata fe’ee ture irraa dirqiin buusuun dhiirota warra dhalaa irraa adda foo’uun yoo xiqqaate dhiirota afur ajjeesan. Waxabajjii 22 haleellan xiyyaaraa mootummaan giddugala Tigraay Togogoo tti geggeesse lafa gabaa irratti bu’uun akka gabaafametti yoo xiqqaate namoota 51 galaafachuun baay’ee ammoo madeesse. Haleellan xiyyaaraa mootummaadhaan Tigraay kessatti taasifame Onkloolessa keessas itti fufe. Anga’oonni Itoophiyaa daandiilee gara naannichaa geessu cufuun dhiheessii namoomaa darbee darbee qofa hayyamaafii ture. Saamichii fi dhaabbilee fayyaa barbadeessuunis namoonni balaa miidhaa saalaa wal waraansansichaan walqabatu san irraa hafan tajaajiloota yaalaa akka hin arganne taasise.

Waxajjii 28, erga humnoonni mootummaa Itoophiyaa Tigraayitti injifatamanii booda, loltoonni duubatti deebi’aa turan magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti argamu waajjira UNICEF fi kan Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) weeraruun meeshaalee sab-qunnamtii saamuu aangawoonni mootummaa ibsanii turan. Sana booda, mootummaan kan UN sududaan Tigiraayitti balbala cufe. Gaafa Fulbaana 30, dhiheessiin elektirikaa fi boba’aa gadi bu’uun sadrkaa hammaataa irra gahee ture; haalli wal qunnamtii adda cituun akkasumas manneen baankii akkuma cufamanitti turuun maallaqa calla argachuun akka malee rakkisaa ture.

Baatii Hagayyaa keessa, Itoophiyaan dhaabbatoota miti mootummaa (NGOs) sadi, Noorweejiyaan Rifuujii Kaawunsil, Hakimoota Daangaa Maleeyyii (Médecins Sans Frontières, MSF) fi Faawudeeshina Al Maktuumee (Al Maktoume Foundation) jedhaman baatii sadiif uggurtee ture. Fulbaana 30, Itoophiyaan hojjattoota UN olaanoo  torba biyya ofiitii ariite. Hojjattoonni gargaarsaa digdamii sadi  eegii waldhabdeen sun jalqabee lubbuu isaanii dhabanii jiru, hijjattoota MSF sadi Waxabajjii 24 ajjeefaman dabalatee.

Waldhabdeen sun naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti baatii Adoolessa keessa babal’ate, namoota kumoota dhibbootan lakkaawwaman buqqise. Humnoonni Tigraayis gabaabumatti jiraattota nagaa Amaaraa ajjeesanii jiru, akkasumas saaminsa qabeenya jiraattota nagaa irratti geggeessaniiru. Gaafa Hagayya 5 Gaaliikoomaa Affaar keesstti, naannawa mana barnoota fi tajaajila fayyaatti namoonni heddumminaan ajjeefamuun kaanis madaawun gabaafamee ture. Naannoo Amaaraa keessa, wal waraansi humnoota Tigraayii fi humnoota Itoophiyaa fi deeggartoota isaanii jidduutti daran hammaatee ture. Baatiiwwan Hagayyaa fi Fulbaanaa, hidhattoonni Tigraay jiraattota Amaaraa naannoo Cinaa fi Qobbootti jumlaan ajjeesan akkasumas dirqiin gudeedan, gareen baay’atanii gudeeduun Nifaas Mawucaa fa’aa dabalatee raawwatee ture. 

Tigraayin alatti, aanga’oonni Itoophiyaa dhalattoota saba Tigree magaalaa Finfinnee keessa jiraatan yakka malee hidhaa, humnaan dhabamsiiaa fi yakka tokko male manneen hojii isaanii cufaa turan. Erga mootummaan labsii yeroo hataattamaa Sadaasa 4 dabarsee booda hidhaan Tigroota irratti daran heddummaatee ture.

Sarbamiinsa Humnoota Nageenyaa, Haleellaa Humnoota Hidhataniin Raawwatu, Hookkara Saboota Jidduu

Ajjeechaawwan seeraan alaa, jumlaan hidhuu, hidhaa akka feetee fi namoota nagaatiin walitti bu’uun naannolee biroo keessatti tasgabbii dhabuu fi nageenyi akka hin jirre taasise.

Oromiyaa keessaati, gabaasaaleen hidhaa, uggura, garee hidhattoota finciltoota Waraana Bilisumnmaa Oromoo (WBO) deeggartu jechuun jiraattota nagaa Oromoo ta’an jumlaan fixuun ittuma fufe. Caamsaa keessa Dambi Doolloo, dhiha Oromiyaatti, humnoonni nageenyaa mucaa waggaa 17 humna fayyadamuun erga qabanii booda yeruma san ummata fuulduratti bifa suukkanneessaan ajjeesan.

Gareelen hidhattootaa haleellaa aangawoota, poolisii fi namoota nagaa irratti raawwatanii jiru, kanneen akka ajjeecha fi qabeenya saamuu fa’aas dhiha Oromiyaatti muudatee jira. Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Baabboo Gambeelitti Bitootessa gara xumuraa keessa filciltoonni WBO yoo xiqqaate jiraattota nagaa Amaaraa ta’an 28 akka ajjeesanii fi kudhanootaa ol ta’an madeessaniiru jedhame.  

Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti sodaan siyaasaa fi bulchiinsa lafaa irratti hookkarri akka babal’atu godhe, Amaara fi saboota biroo irratti ajjeechan milishoota hidhataniin bakkatti raawwatame addatti Zoonii Matakkalitti kan hammaate dha.

Naannoo Amaaraa keessatti, ajjeechaan Imaamaa baatii Bitootessaa muudate Shawaa Kaabaa fi Godinaalee Addaa Oromootti hokkarri saboota jidduutti akka ka’u gumaachee ture. Saboota Amaaraa fi Oromoo irraa namoonni dhibbootaan lakkaawwaman ajjeefamuun himamee ture, namoonni 200,000 ol ni buqqa’an akkasumas qabeenyi guddaa irras miidhaan gahee jira jedhame. Walakkeessa waggaatti humnoonni waraanaa Itoophiyaa fi milishoonni Amaaraa erga gandoota gamas jiran haleelaniin boodatti saba xiqqaa qimaanti irraa namoonni kumootan lakkaawwaman gara Suudanitti baqatanii jiru.

Walitti bu’insa daangaa hawaasa Affaarii fi Sumaalee jidduutti babal’ateen hidhattoonni naannoolee lamaanii kan qooda keessatti fudhatan ta’uunis gabaafame, namoonni dhibbaan lakkaawwaman baatiiwwan Bitootessaa fi Adoolessaa keessa galaafatamuu fi kanneen kumootan lakkaawwaman buqqa’uu gabaafamee jira. 

Filannoo fi Dirree Siyaasaa

Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa jahaffaan jalqabatti yeroo lama erga dabarfamee booda sadarkaalee lamaan geggeeffame. Kan jalqabaa Waxabajjii 21, buufataalee filannoo hedduu irratti geggeeffame; kan lammaffaa naannolee Somaalee fi Harariitti Fulbaana 30 akkaataa sirnaawaa hin taaneen sagaleen kennamuu akkasumas buufataalee filannoo 12 naannoo sabaafi sablammoota ummatoota kibbaa (SNNPR)tti adeemsifamuun gabaafamee ture. Rakkinoota nageenyaan wal qabatee filannoon naannoo Tigraayitti hin geggeeffamne akkasumas bakkeewwaan tokko tokkotti naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Affaarii fi Beenii Shaangul-Gumuz keessatti hin geggeeffamne.

Adoolessa 10, boordin filannoo Itoophiyaa Paartiin Badhaadhinaa kan Muummee Ministeeraa Abiy Ahimad erga paarlaamaa biyyattii keessaa teessoo irra caalaa argachuun injifachuu isaa labse. Onkoloolessa 4 Muummeen Ministeraa Abiy Ahimad turtii waggaa shanan dhufaniif kakuu raawwatanii aangoo fudhatan.

Paartiilenii fi kaadhimamtoonni kan durii caalaa heddumminaan dorgomanii ture, ummanni biyyaa keessaas bakkeewwan tokko tokkotti sagalee isaanii kennanii turan, garuu yeroon filannichaan dura ture naannolee hedduutti hookkaraa fi sodaa nageenyaan kan guutame ture; paartiileen mormitootaa naannolee keessa socho’anitti dhiibbaan isaan muudachuu himatanii ture.

Ji’oota Guraandhalaa fi Ebilaa keessa kaadhimamtoonni mormitoota lamaa, Girmaa Mogos EZEMA irraa fi Barrihuun Asfaaw Sochii Biyyaalessa Amaaraa (NAMA) naannoo Oromiyaa fi Beeniishaangul-Gumuz keessatti ajjeefamanii turan.

Naannoo Oromiyaa, mandhee buufata filannoo guddicha biyyattii ta’e keessatti, erga paartiileen gurguddoo Koongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) doorsifamuu miseensota isaa fi hidhamuu hooggantoota paartichaa ibsuun filannicha lagachuu isaaniitiin paartiin biyya bulchu Badhaadhinni dorgomaa malee qofaa isaa filannoo geggeesse.

Naannoo Sumaaleetti Addi Bilisummaa Biyyoolessa Ogaadeen (ONLF) haleellaan kaadhimamtootaa fi deeggartoota isaa irratti taasifamuu akkasumas galmeen dhorkamuu isaa himachuudhaan Fulbaana 17 filannoo keessaa of baase.

Nannoo Amaaraatii dirgommii jabaan muudatee ture. Paartii aangoo irra jiru dorgommii cimaan isa muudatee ture naannoo Amaaratti, ta’us Paartiilen mormitootaa mufannaa isaanii Boordii Filannoo Biyyoolessaatti filattoonni fi taajjabdoonni angawoota naanno fi milishootan sodaachifamaa jiraachu isaanii himachuun galchanii ture.

Adeemsa Mirgoota Seeraa fi Murtii Haqaa

Amajjii 27, angawoonni Itoophiyaa Finfinnee keessatti deeggartoota hidhamtoota siyaasaa Oromoo kurnootan lakkaawwaman diida dhaddachi itti geggeeffamaa ture sanaatii qabanii hidhan. Hidhmtoonni siyaasa Oromoo ol’aanoon digdama ta’an mormii nyaata lagachuu jalqaban. Haalli fayyaa Obbo Baqqalaa Garbaa, nama siyaasaa Oromoo, yaaddessaa ta’e. Gurraandhala keessa angawoonni ajaja mana murtii gara Hospitaala dhuunfatti akka dabarfamu jedhu fudhachuu diduun, humnaan gara Hospitaala waraanatti isaan geessan, Doktora isaaniis yeroof ni hidhan.

Angawoonni biyyattii Obbo Lidatuu Ayyaaloo, Paartii Diimokiraatawaa Itoophiyaa (EDP) irraa yaalaaf akka biyyaa hin baane yeroo sadi ittisan, sababoota adda addaa Lidatuun waraana Tigraay morme kan jedhu dabalatee.  

Onkoloolessa 14, humnoonni nageenyaa barataa eebba irra ture Mohaammad Deeksisoo Jimmatti hidhan. Kunis, namoonni siyaasaa Oromoo akka gadi lakkifamanii fi haqni wallisaa wareegame Haacaaluu Hundeessaa haa barbaadamu jechuunn waamicha dhiyeessuu isaatiini. Mahaammad baatiilee shaniif hidhamee kan gadi dhiifame ta’us sharafama deemsota seeraa hedduutu isa muudate.

Bilisummaa Yaada Ofii Ibsachuu, Miidiyaa fi Gurmaa’uu

Haleellaa fi ugguroonni mootummaadhaan miidiyaa fi yaada bilisaan ibsachuu ni dabale.

Amajjii keessa, gaazexeessaan Tigraay Daawwit Kabbadaa Arayaa jedhamu Maqalee keessatti humnoota mootummaatiin itti dhukaafamee ajjeefame. Caamsaa keessa Sisaay Fidaa, Gaazexeessaan Oromiyaa Biroodkaasting Neetwoorki kan ta’e dhiha Oromiyaatti ajjeefame.

Geezexeessitoonni fi namoonni hawaasa biratti beekamoo ta’an kanneen qeeqa dhiheessanii fi gabaasa miidhaa walitti bu’insa Tigraayiin walqabatu irratti taasisan sodaachisa, biyyaa ari’atamuu fi hidhamuutu isaan muudate. Adoolessa 15 Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Addis Standard “ajandaalee Tigraay” babal’ise jedhamuun cufamee ture. Addis Istandardi biyyattiitti oduu tamsaasuun adda dureen beekama.

Bitootessa keessa, humnoonni nageenyaa Itoophiyaa hojjattoota miidiyaa fi gaazexeessaa tokko kaambii waraanaa Tigraay keessatti yeroo muraasaaf hidhan. Adoolessa gara jalqabaa keessa poolisiin gaazexeessitootaa fi hojjattoota Awuloo Miidiyaa 10 hidhuun akkasumas gaazexeessitoota ItiyooFoorum lama bakka jiran dhoksuun torbanootaf erga hidhamanii erga tursiifamaniin baatii Hagayyaa keessa gadi dhiifaman.  

Fulbaana 30, humnoonni nageenyaa Abrahaa Dastaa angawaa duraanii misensa bulchiinsa yeroo Itoophiyaa Tigraay ture hidhan; kunis erga inni xalayaa banaa yakka malee nama hidhuu fi loogii magaalaa Finfineetti dhalattoota Tigraay irratti raawwatamu balaaleffatu erga maxxanseen boodatti.

Angawoonni Itoophiya labsii yeroo hataattamaa Sadaasa 4 guutuu biyyattiitti labsan, kunis mootummaan caalmaatti humna fayyadamuun callisanii namoota hidhuu, ummatna ofiifuu balaa irra jiran akka qabaman taasisuu, sochii namooma irratti miidhaa olaanaa kan geessisuu danda’u dha. Kunis ofiif karaa miidiyaa fi gama gareelee aktivistootaan of dhaadhessaa, kallattii gareelee mirgoota namoomaa akkasumas sodaachisa humnooti nageenyaa taasisaniini.

Mootummaan waggaa guutuu interneetiin Tigraay keessatti akka cufamee turu godhe. Quunnamtiileen bilbilaas Waxabajjii keessa irra deebiin guutummaatti cufamuun duratti darbee darbee qofa tajaajila ture.

Baqattoota

Baatiiwwan Sadaasa 2020 fi Amajjii 2021 jidduu, humnoonni Ertiraa fi milishoonni Tigraay dabaree dabareen mooraawwan baqattootaa Hitsaas fi Shimelbaa Tigraay keessa jiran dhuunfachuun ajjeechaa, miidhaa saalaa, badii malee namoota hidhuu, humnaan dhabamsiissuu fi saaminsa baqattoota Ertiraa lakkoofsaan 20,000 ta’an moorawwan kanneen keessa qubatan irratti raawwatanii jiru. Amajjii keessa humnootiin Ertiraa mooraawwan eeraman harka olaanaan barbadeessanii jiru, baatii Bitootessaa keessa baqataan homtuu achitti hin argamne, qullaatti hafeera. Wal waraansi walakkeessa Adoolessaatti Ma’i Anii fi Addi Haruush keessatti taasifame naannichatti mooraawwan baqataa tajaajila kennaa turan irratti baqattoota Ertiraa eegumsaa fi gargaarsa hatattamaa akka isaan barbaachisu taasie. 

Baqattoonni Ertiraa, baatii Hagayyaa keessa hamma gara Finfinneetti baqachaa turan sanatti, eegumsa tokkollee hin arganne ture. Xumura irratti Itoophiyaatti dhaabbanni tajaajila dhimma godaantotaa fi kanneen biyyattiitti deebi’anii (ARRA) Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti koomishinii dhimma baqattootaa (UNHCR) wajjin ta’uun baqattoota Ertiraa gara Finfinneetti dhufaniif ragaalee eenyummaa kan yeroo waggoota sadiif tajaajilu qopheessuu eegale, sanaanis gargaarsawwanii fi tajaajiloota argachuu akka isaan dandeessise taasifame.  

Dhiibbaa Idil-Addunyaa

Walitti dhufeenyi Itoophiyaan olloota naannoo ishee tokko tokkoo fi kanneen arjoomtota ta’an waliin qabdu akka malee hammaate, addatti walitti bu’iinsa Tigraayiin wal qabatee. Chaayinaa, Raashiyaa fi Hindi harka caalmaan dhiibbaa Gola Nagaa Eegumsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti taasianiin ga’umsi raawwii isaa ni fashale. Adoolessa keessa yaada Keeniyaa, Niijerii fi Tunisiyaan dhiheessaniin qaamonni hunduu akka dhukaasa dhaaban, dhiyeessiin gargaarsa namoomaa akka dhaqqabu akkasumas qorannoon Afrkikaatti Koomishiniin Mirgoota Dhala Namaa fi Ummataatiin (ACHPR) akka geggeeffamu kan deeggaran ta’uu ibsanii ture. Waamichi kun tarkaanfii Golli Nagaa Eegumsaa Mootummoota Gamtoomanii qabatamaan fudhatu keessatti shoora xiqqaa akka taphatu taasise.

Ameerikaan irra deddeebiin sarbamiinsa mirga namoomaa Tigraay keessatti qaamolee wal waraanaa jiraniin raawwatame balaaleffachaa turte. Bitootessa keessa, Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii Antoonii Biliinken gochaaleen mootummaa Itoophiyaatiin Lixa Tigraay keessatti raawwataman “duguuggaa sanyii” akka ta’etti ibsanii ture. Fulbaana 18 Piresdaanti Joo Baayiden Ajaja Hojiirra oolu kan qoqqobbii namoota dhuunfaa fi gareelee sarbamiinsa mirgoota namoomaa Kaaba Itoophiyaa fi gargaarsa namoomaa gufachiisan irraatti dabarsanii turan.

Amajjii 15, gargaarsa namoomaatiif Gamtaan Awurooppaa (EU) Doolaara Miliyoona 170 akkasumas Biritaaniyaa Guddittiin (UK) paawundii miliyoona 75 kan arjooman ta’uu beeksisanii turan. UK fi hooggantiinni EU sarbama mirga namaa irra deddeebiin raawwatame sana mormaa turan, EUn biyyoota miseensa isaa ta’aniif Itoophiyaa irratti qoqqobbiin “tarkaanfii ugguraa” akka gatamuuf yaamicha taasise akka itti walii galaniif gaafatee ture. Caamsaa keessa EUn taajjabdoota filannoo isaa gamas erguuf ture ni haqe, kunis mootummaa wajjin walii galuu dhabuun akka ofii isaatiin walaba ta’ee ergama isaa bahachuu hin dandeenye eeruu isaatiini. Onkoloolessa 4, Paarlaaman Awurooppaa murtee qoqqobbii kanneen miidhaa geessisanii fi gargaarsa namoomaa danqan irratti, meeshaa waraanaa irratti dhorki akkasumas qorannoon idil-addunyaawaa jabaa ta’e haala itti geggeeffamuuf dabarsee ture. Onkoloolessa 18, ministeeronni haajaa alaa EU Itoophiyaa irratti qoqqobbii gochuuf bu’uura kan qopheeffatan ta’uu walii galan.

Haalonni sirnaawaa hin ta’iiniin filannicha keessatti mul’achuu dhabuun akkasumas rakkinoonni nageenyaa naannolee garagaraatti mul’atanii, qaamni idil-addunyaa qofaa isaatti filannoo Waxabajjiitti taasifame taajjabuun “haqa qabeessa” jedhe Gamtaa Afrikaa (AU) ti.

Sadaasa keessa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Komishinii Mirgoota Namummaa UN (OHCHR) fi koomishiniin Mirga Namummaa Itoophiyaa (EHRC) gabaasa qorannoo waliin geggeessaniin Sadaasa 3, 2020 hamma Waxabajjii 28, 2021tti sarbamiinsa mirgoota namummaa qooda fudhattoota hundumaan walitti bu’iinsa Tigraayitiin raawwataman ifoomsan. Qorannichi kan walii galaa akka hin taane, qorannoon dabalataa qaama walabaan akka taasifamuu fi itti gaafatamummaan akka jiraatu waamichi kan dhihaate ta’uu ibsichi eereetiin jira.

Waxabajjii keessa, Afrikaatti Koomishiniin Mirgoota Dhala Namaa fi Ummataa (ACHPR) sarbamiinsa Tigraay keessaa kan qoratu komishinii qorannoo tokko ifoomse. Aangawoonni Itoophiyaa “hataattamaan akka dhaabbatu,” bakka isaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) wajjin gamtaan akka qoratan ibse, qorannichis walaba ta’ee gaggeeffamuu isaa irratti yaaddoo kaasuu isaatiin akka kufu taasifame.

Hariiroo biyyattiin Misiraa fi Sudaan waliin qabdus hammaatee itti fufe. Walitti bu’iinsi Itoophiyaa fi Sudaan jidduutti naannoo bulchiinsa wal falmisiisaa ta’e Al-Fashagaatti ni dabale, walitti bu’iinsa ifaa ta’an hedduus uume.