Skip to main content

Itoophiyaa

Events of 2017

Hirmaattota Ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 1, 2017 Bishooftuu, Itoophiyaa. Ayyaanni Irreecha uummata Oromoo Itoophiyaatif ayyaana addaati. Ayyaana Irreecha waggaa tokko dura kabajame irraatti humnootni tikaa tuutaa uummata jeequurran kan ka’e namootni dhibbootan lakkayaman du’anii ture.

© 2017 Reuters /Tiksa

Qabinsa mirga namoomaaf haaromsa haalaan barbaachisu gochuu irratti Itoophiyaan bara 2017 keessa waa xinnoo dalagde. Inumayyuu mirgoota bu’uuraafi bilisummmaa laammiileeshii humnaan ukkaamsuu itti fufuuf jecha labsi yeroo muddamaa, haleellaa humnoota tikaafi seerota ukkaamsoo fayyadamaa turte.

Labsiin yeroo muddamaa ji’oota 10f turefi baatii Onkoloolessa 2016 keessa labsame hidhaa jumlaafi mana hidhaatti dararamuu fidee ture.  Mirgoota akka hiriira nagaa bayuu, mirga yaada ofii bilisaan ibsachuufi mirga ijaaramuu irrattis dhorkaaa hin barbaachisne kaayee ture.  Labsiin muddamaa sun gar-malee baldhaafi sirna malee kan dhimmi itti bayame ta’us mootummaa biyya bulchuuf yeroo tasgabbii silaa komii mormitootni kaasaa turan itti furu kenneefii ture.

Haata’u malee mootummaan Itoophiyaa gaaffilee mormitootaa kan akka cufinsa dirree siyaasaa, haleellaa gara jabeenyaa humnoota tikaafi humnaan qeyee ofiirraa buqqa’uufaa hin furre. Gaaffilee mormitootaa kana deebisuurra aangawoonni mootummaa jijjiirraa farra-malaammaltummaa, jijjiirraa kaabineefii haasawaa paartilee mormituu hafan wajjiin gochuuf, carraa hojii dargaggootaaf uumuufii ‘’bulchiinsa gaarii’’ fiduuf kutannoon akka hojjatan dhuma 2016 fi 2017ti beeksisanii turan.

Itoophiyaan ammas dirree siyaasaa akkuma cuftetti jirti. Walta’insi paartii biyya bulchuu teessoo mana maree bakka bu’oota uummataa naannoofi federaalaa 100% dhuunffatee jira. Dhorkaan guddaan dhaabbilee siviilii fi midiyaarra kaayame, dhabbilee mormituu ofiin dhaabbatan dadhabsiisuun, hidhaafi dararaan namoota mootummaa deeggaruu didan irra gahu dirree sagalee mormii garmalee dhiphisee/cufee jira.

Yeroo heddu yakkoota kana qorachuuf waadaa galus, mootummaan qorannoo amanamaa gochuu dhabuun ammas barbaachisummaa qorannoo idil-adunyaa cimsee agarsiisa.  Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa hirkattummaa mootummaarraa bilisa waan hin taaneef qarannoon dhaabni kun godhu amanamummaa qabaatee hin beeku.

Labsii yeroo muddamaa

Harka caalaa bara 2017 Itoophiyaan labsii muddama jalatti dabarsite. Labsiin kun Onkoloolessa 2016 yeroo mormiin guddaan turetti labsamee ture. Labsichi Bitootessaa 2017 ji’a afuriif itti dabalamee haaromfamee, Hagayya 4, 2017 kaafame. Humnootni tikaa humna garmalee fayyadamuun namoota kuma tokkoo (1000) ol ajjeesaniiru. Namoota kuma kurnaniin lakkaayaman ammo hidhaatti guuraniiru.

Seerri labsi muddamaa hojiirra oolchuuf itti dabalamee baye biyyattii guutuu keessatti mirgoota akka yaada ofii bilisaan ibsachuu, hiriira nagaa bayuufi ijaaramuu irratti dhorkaafi ukkaamsaa garmalee baldhaa kaayee. Tarkaanfiin kunimmoo rakkinoota mudatan humna waraanaan furuuf kallattii mootummaan kaayame agarsiisa. Seerichi hanga labsiin kun ka’utti mormii heeyyama mootumma hin arganne mara dhorkuun iddoolee labsiin kun murteesseetti ajaja mana murtii malee namoota hidhuus heeyyamee ture. Itti dabaluunis ‘’haaromsa’’- hidhaa yeroo gabaaba kan hojii humnaa dirqiin hojjachuu of-keessaa qabu heeyyame.

Yeroo labsii muddamaa sanitti humnootni waraanaa baayyinaan naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti bobbaafamuun akka istaatistiksii mootummichaatti namoota kuma digdamii tokkoo (21,000) ol seeraan ala kaampiiwwaan haaromsa garaagaraatti hidhanii turan. Hidhamtoonni hedduun adabbii qaamaa hamaaf saaxilamuu isaaniifi imaammata mootummaa fudhachuuf waadaa galuun dirqii ta’uu dubbataniiru. Iddooleen namoonni kun itti hidhaman: kaampii waraanaa, maneen hidhaafi maneen yeroo gabaabaaf ijaaraman keessatti ture. Hidhamtoonni dararaafi reebichi hamaan mana hidhatti nurra gayeera jedhanis muraasa miti.  Aartistoonni, hoggantoonni paartilee mormituufi gaazexeessitoonni yakka siyaasa bu’uura godhateen himataman.

Dr Mararaa Guddinaa, dura taa’aan paartii kongiresii federaalistii Oromoo- Paartii seeraan galmayee,’’baatii Bitootessaa keessa sirna heeraa mootummaa cabsuutiin himatame. Inni hoggantoota paartii koongiresii federelaastii Oromoo kan akka itti aanaa paartichaa Obbo Baqqalaa Garbaafaatti dabalamuun himanni siyaasaa bu’uureffate irratti baname. Yeroo gabaasni kun barraayetti, akka istaatistiksii mootummaatti namoota yeroo labsii muddama qabamannii hidhaman keessaa 8000 ammayyu mana hidhaa jiru.

Mirga yaada ofii bilisaan ibsachuufi mirga ijaaramuu

Miidiyaan marti to’annoo mootumma jalatti kufaniiru. Towannoon kun yeroo labsii muddamaattimmo garmalee jabaate. Sababa kanaaf lammiileen biyyattii odeeffannoo piroopaagaandaa mootummaarra bilisa ta’e argachuuf garmalee rakkisaa ture. Filannoon gaazexeessitoonni hedduun qaban yookan ofiin of-laguu ykn hojjatanii reebamuufi hidhamuu ykn ammo biyyaa bayuu qofa ture. Bara 2010 as qofa gaazexeessitoonni 85 Itoophiyaarra baqatanii bayaniiru. Kana keessaa yooxiqqaate gaazexeessitoonni 6 bara 2017 baqatanii bayan.  Gaazeexeessitoonni danuun kan akka Iskindir Naggaaffi Wubishat Tayyeefaa hanga ammaatti labsii farra shorrorkeessumman yakkamanii mana hidhaa tursiifamaniiru. Gazexeessitoota dararuun alattis dhaabilee beeksisaa, maxxansaafi raabsaa doorsisuun tooftaalee dhaabbilee miidiyaale bilisaaratti dhiibbaan godhamuudha. Dhabamsiifamuu dhaabbilee miidiyaa biyya keessaa irraa kan ka’e miidiyaan hawaasaafi dhaabileen televiziyoonaa diyaaspooraa odeeffanno daddabarsuu keessatti shoora ol-aanaa taphataniiru. Motummaan yaalii towannoo dhabbilee televiziyoona diyaaspooraafi midiyaalee hawaasa 2017 keessa jabeessuun, yeroo labsii muddamaatti televiziyoonota diyaaspora ilaalu dhorkee ture. Dabalataanis raadiyoofi televiziyoonota diyaaspooraa ugguruun akkasumas maatii gaazexeessitoota fi madden odeeffannoo doorsisaa ture.  Ebla, 2017 dhaabbileen televiziyoonotaa diyaaspoora lamaan- Oromiya miidiyaa Netwoorki (OMN) fi ESAT, labsii ukkaamsa farra shorrerkussummaatiin himatamaniiru. Daarektarrii OMN, Jawaar Mohaammedis ji’a Eblaa, 2017 keessa seera yakkaatiin himatameera.

Mootummaan yeruma mara qaqqabinsa aappii miidiyaalee hawaasaafi marsariitota ilaalcha mootumiichaa faalleessan ugguraa ture. Yeroolee murteessoo akka yeroo qorumsa biyyoleessaafaa miliqee bayuu qorumsaa sodaachuun mootummaan intarneeta guutumatti uggureera.

Labsiin dhaabilee arjoominaafi siiviiki bara 2009 baye (CSO) ammayyu humna dhaabbilee miti mootummaa bilisa ta’anii hudhee qabee jira. Labsichi hojiiwwaan akka mirga namoomaa, bulchiinsa gaarii, walitti bu’insa furuufi dhaabblee mirga dubartootaa, daa’iimmaniifi qaama miidhamtootaaf bajata 10% ol biyya alaati argatanii dhorkee jira.

Reebichaafi dararaa mana hidhaa keessatti

Hidhaan seeraan alaafi reebichi mana hidhaa keessaati godhamu ammayyu rakkoo guddaa Itoophiyaati. Humnootni tikaa mootummaa, poolisiin federaalaa, humnootni basaastuu wayyaa siviilii uffatan dabalatee, poolisiin addaa fi raayyaan ittisa biyyaa hidhamtoota siyaasa mana hidhaa ifaa fi dhoksaa keessaatti yeroo heddu reebuun odeeffannoo humnaan irraa fuudhaniiru.

Namoonni baayyeen hiriira mormii bara 2015/2016 manneen hidhaafi kaampilee waraanaa garaagaraatti hidhaman akkasumas kanneen yeroo labsii muddamaa 2017 hidhaman maneen hidhaa keessaatti reebichiifi dararaan irra gayuu dubbatu. Dubartoonni heddu maneen hidhaa kessaatti humnoota tikaatiin gudeedamuufi reebamuu himatu. Humnootni tikaa yakka akkana raawwatan seeratti dhiyaachuu isaanii ragaan muldhatu hin jiru. Namoonni dur humna tikaa keessa hojjatan manneen hidhaa keessatti reebichaafi dararaan ragaa funaanaa turuu isaanii raga bayaniiru.

Dhiimmootaa siyaasaa hamoo irratti walabummaan mana murtiifii adeemsi seeraa baayyee yaaddessaadha. Manneen sirreessaa Finfinneen alaa jiran keessaati hidhamtoonni hin himataman, mana murtiittis hin dhiyaatan. Namonni karaa nagaa sagalee mormii dhiyeessan yeroo heddu labsii farra shorreerkeessummaan yakkamu. Miseensa dhaabbilee mootummaan shorreerkeessitoota jedhee labseeti jechuunis ni himatamu.  Murtiin adabbii himannaa akkanaa irratti darbu hanga hidhaa umurii guutuutti. Himannaa addaan kutuun hin baramne. Hidhamtoonni yakki reebichaa mana hidhaa keessatti nurra gayeera jedhanii yeroo himatan manni murti irra deddeebiin gurra duuchatee bira darbaa jira. Namoonni dhibbootaan lakkayaman, hoggantoonni paartilee mormituu, hirmaattoonni hiriira nagaa, aartitstoonniifi gaazexeessitoonni labsi farra shorrorkeessummaan yakkamanii mana hidhaatti dararamaa jiru.

Qaamnii mootummoota gamtoomanii hidhaa seeraan alaa qoratu bara 2005, 2007, 2009, 2011 fi 2015 irra deddeebiin himannaa kanarratti qorannoo gaaggeessuuf gaafatus mootummaan dhorkee jira.

Dhiittaa mirgaa Poolisiin Addaa Somaalee raawwatu

Poolisiin naannoo Somaalee dhiittaan mirgaa garmaleen beekamu ammas yakkoota hamaa dalaguu akkuma itti fufetti jira. Hawasni naannoo Oromiyaa daangaa naannoo Somaaleerra jiraatan irra deddeebiin humnoota poolisii addaa naannoo Somaleeti jedhamaniin haleelamuu himaniiru. Hawaasni daangaarra jiratan kun ajjeechana, lollii, saamichi qabeenyaafi qeyeerraa buqqayuun akka irra gaye himatu. Hawaasni Somaalees haleellaan haaloo bayumsaa humnoota Oromoo hin beekamneen irratti fudhatamu dubbatu. Hiyumaan raayitswoch yaalii mootummaan federaala haleellaa daangaarra kana dhaabuuf godhe homaayyu hin agarre. Namootni kuma dhibbootaan lakkaayaman sababa walitti bu’insa daangaarraatti deemaa jiruu kanaan qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqayaniiru.

Poolisiin addaa naannoo Somaalee kun bara 2008 kan hundeeffame yoo ta’u itti gaafatama seeraa ifa hin taaneen socho’u. Garuummoo qabatamaan pirezideentii mootummaa naannoo Somaalee kan ta’e Abdi Mohamud Omariif abboomamu. Humnootni poolisii addaa kun yeroo garaagaraatti ajjeechaa seeraan alaa, reebichaafi dubartoota gudeeduun akkasumas uummata nagaa humna waraanaa Ogaaden deggaruun shakkaman rukutuun himatamu. Yakkoota gurguddoo humnootni kun naannoo Somaalee keessatti raawwatan jedhamanii himataman qorachuuf yaaliin hiika qabeessi godhame tokkoyyuu hin jiru.

Fedhiin Abdi Illeeyn mormitoota isaa ukkamsuuf qabu daangaa Itoophiyaa qofa keessatti kan daangeffame miti. Lammileen Somalee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniis hiriira nagaa erga bayanii ykn barreeffamoota Abdi Illeey qeeqan miidiyaa hawaasa irratti yoo barreessan maatiin isaanii naanno Somalee jiraatan seeraan ala hidhamaniiru, reebamaniiru, qabeenyi isaaniis saaamameera.

Qooda dhaabbilee Idil-Adunyaa murteessoo

Qabinsi mirga namoomaa Itoophiya baayye badaa ta’ullee biyyattiin gargaarsa arjoota biyya alaafi gargaarsa biyyoota ollaa guddaa argachaa jirti. Saababiin gargaarsi kun itti fufee keessa muraasni: biyyattiin teessoo gamtaa Afrikaa ta’uusheefi taarsimoo naannawaa saniitti shoora murteessa waan taphattuuf, qaama nagaa eegsistuu mootummoota gamtoomanii waan taateef, waraanna farra-shorrorkeessitoota naannoo gaanfa Afrikaa keessatti sababa hirmaattuuf, dhimma baqattootaa irratti mootummoota dhiyaa faana michuummaan waan hojjattuufi guddina misooma gaalmeessite jedhamuufi. Itoophiyaan madda, karaafi buufata baqattoota hedduutis.

Paarlaamaan Awurooppaa, manni maree bakka bu’oota fi seenetiin Ameerikaa qabinsa mirga namoomaa Itoophiyaa balaaleffataniiru. Paarlaamaan Awuroppaa ajeechaa mormitoota bara 2015 eegale rawwate irratti qorannoon qaama mootummoota gamtoomaniin durfamuun akka godhamuuf hidhamtoonni siyaasa marti akka hiikaman waamicha godhee ture. Baatii Eblaa keessa bakka bu’aan dame mirga namoomaa gamtaa Awuroppaa addaa Istaavros Lambridinis Itoophiyaa deemee daawwachuun yaaddoo gamtaan Awurooppaa qabinsa mirga namoomaa Itoophiya irratti qabu mirkaneesseera. Dhaabbilen idil-adunyaa kanneen akka Baankii Adunyaa dhiittaa mirga namooma biyyattii irratti ifaan ifatti yaaddoo tokkollee otoo hin ibsiin hojii isaanii idilee itti fufanii jiru.

Itoophiyaan miseensa mana maree nageenyaafi mirga namoomaa Mootummoota gamtoomaniiti. Ta’ullee adeemsa addaa mootummoota gamtoomanii waliin hojjachuu akka diddeetti jirti. Erga raappoortarri addaa Eertiraa 2006 biyyattii seenee as gareen addaa mootummoota gamtoomanii tokkollee Itoophiyaa seenee qorachuuf heeyyama mootummaa hin arganne. Raapportaroonni reebichaa, mirga yaada ofii bilisaan ibsachuufi hiriira nagaa gaggeessuu biyyatti daawwachuuf yeroo garaa garaatti akka fedhan gaafatanii jiru.