Itoophiyaa: Ayyaana Irreecha asi adeemu irratti of-qusachuu feesisa

Mootummaan Itoophiyaafi aangawonni tikaa Ayyaana Irreecha Onkoloolessa 1, 2017 gaggeeffamu irratti miidhaa qaamaafi ajjeecha hambisuuf tarkaanffii qabatama of-qusachuu akka godhu Hiyumaan Raayits Woch gabaasa fi viidiyoo hardha baaseen gaafateera. Ayyaana bara darbee irratti namoonni hedduun, tarii dhibbootan kan lakkaayaman wareegamaniiru. Gaga’umsa kanaaf sababa kan ta’e gaazii nama imimmaanessuu kan humnootni tikaa fayyadamaniifi dandii bayumsaa cufuu humnoota tikaatiin walirra deddeemuu tuuta uummataa uumameeni.

Gabaasni fuula 33  mata duree ‘‘‘Ibiddatti gaazii naquu’: Tarkaanfii humnootni tikaa Ayyaana Irreechaa 2016 irratti fudhatan’’ jedhuun maxxanfame tuuta uummataa Ayyaana Irreechaaf bara 2016 walgaye irratti tarkaanffii humnaa mootummaan fudhate baldhisee ibsa. Ayyaanni tuuta uummataa gar-malee guddaan kabajamu kun saba Oromoo lakkoofsaan miliyoona 40 ta’uuf ayyaana addaati. Ayyaanni Irreechaa ayyaana Oromoon marti bacaqi gannaa bayanii birraa booqaa arguu isaaniifi waaqa itti galateeffataniifi asmaraa haamaa simachuuf itti walgayaniidha. Humnootni tika mootummaa tuutni uummata akka walirra deemee walfixuuf sababa ta’uu qofa osoo hin ta’iin namoota heddu rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuu isaaniis Hiyumaan Raayits Woch raga qabatamaa argateera.
 

Region / Country

Related Content