Peaceful Protesters Gunned Down in Ethiopia - Afan Oromo

Hiyumaan Raayit Wochiin gabaasa har’a baasen, humnoonni nageenyaa Itiyoophiyaa yeroo mormiin Oromiyaa keessatti  baldhinaan gaggeeffamen Sadaasa 2015 eegalee  namoota 400 ol kan ajjeesan yoo ta’u kan kuma kudhaniin lakkaawwaman immoo hidhanii jiru. Mootumman Itiyoophiyaa ragaa amanama ta’en akka utubu, qaama bilisa ta’e tokko hundeesun waayee namoota ajeefamanii akka qoratu, waayee namoota badii tokko malee hidhamaniifii dhiitamuu mirga namaa adda addaa gabaasa akka dhiheesu.

Region / Country