Ayyaana Irreechaa bara Fulbaana02, 2016 Bishoftuu, Ethiopia irrati hidhettoni motumaa waga ummata mormii dhageessisuu ilaaletan.

© 2016 Getty Images
(Naayiroobii) Mootummaan Itoophiyaafi aangawonni tikaa Ayyaana Irreecha Onkoloolessa 1, 2017 gaggeeffamu irratti miidhaa qaamaafi ajjeecha hambisuuf tarkaanffii qabatama of-qusachuu akka godhu Hiyumaan Raayits Woch gabaasa fi viidiyoo hardha baaseen gaafateera. Ayyaana bara darbee irratti namoonni hedduun, tarii dhibbootan kan lakkaayaman wareegamaniiru. Gaga’umsa kanaaf sababa kan ta’e gaazii nama imimmaanessuu kan humnootni tikaa fayyadamaniifi dandii bayumsaa cufuu humnoota tikaatiin walirra deddeemuu tuuta uummataa uumameeni.

Gabaasni fuula 33  mata duree ‘‘‘Ibiddatti gaazii naquu’: Tarkaanfii humnootni tikaa Ayyaana Irreechaa 2016 irratti fudhatan’’ jedhuun maxxanfame tuuta uummataa Ayyaana Irreechaaf bara 2016 walgaye irratti tarkaanffii humnaa mootummaan fudhate baldhisee ibsa. Ayyaanni tuuta uummataa gar-malee guddaan kabajamu kun saba Oromoo lakkoofsaan miliyoona 40 ta’uuf ayyaana addaati. Ayyaanni Irreechaa ayyaana Oromoon marti bacaqi gannaa bayanii birraa booqaa arguu isaaniifi waaqa itti galateeffataniifi asmaraa haamaa simachuuf itti walgayaniidha. Humnootni tika mootummaa tuutni uummata akka walirra deemee walfixuuf sababa ta’uu qofa osoo hin ta’iin namoota heddu rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuu isaaniis Hiyumaan Raayits Woch raga qabatamaa argateera.

Itoophiyaa: Ayyaana Irreecha asi adeemu irratti of-qusachuu feesisa

Mootummaan Itoophiyaafi aangawonni tikaa Ayyaana Irreecha Onkoloolessa 1, 2017 gaggeeffamu irratti miidhaa qaamaafi ajjeecha hambisuuf tarkaanffii qabatama of-qusachuu akka godhu Hiyumaan Raayits Woch gabaasa fi viidiyoo hardha baaseen gaafateera. 

 

‘‘Tarkaanffiin humnaa badaafi tasuma kan wal-hinginne humnootni tikaa bara darbe fudhatan baranas irra deebi’amee akka hin fudhatamne’’ kan jedhan qoraataa olaanaa Hiyumaan Raaayits Woch Obbo Feeliks Hoorni. Itti dabaluunis ‘‘Gaaffileen yeroo dheeraa haga yoonaatti sila hin deebineef jecha Ayyaanni Irreecha bara kanaas waldhibdee jabaa qabatee as deemu mala. Kanaaf mootummaafi humnootni tikaa mootummaa ayyaana kana duras ta’ee guyyaa ayyaanni kun kabajamu lubbuun nama akka hin gaaga’amneefi waldhibdeen akka hin guddanneef hojiile barbaachiso mara hojjachuu qabu’’ jechuun dhaamaniiru.

Hiyumaan Rayits Woch af-gaaffii 50 ol namoota guyyaa san achitti argaman, hojjatoota fayyaa fi kanneen biro faana godheera. Viidiyoofi suuraa heddus xiinxaleera. Namoonni ijaan arga heddun gaaga’umsi bara darbee fixinsa ta’e jedhamee, karoorfame raawwate ta’uu amanu. Hiyumaan Raayits woch garuu gaaga’umsi kun karoorfamee ta’uu isaaf raga hin arganne. Haata’u malee amantaan akka armaan oliifi, komeen yeroo dheeraa hanga yoonaa deebii dhabuun akkasumas gochan gara jabeenya humnootni tikaa waggoottan lamaan darban keessa raawwatan Irreecha bara kana irrattii yaadannoo badaa calaqqisiisu akka malu Hiyumaan Raayits Woch dubbateera.

Kabaja Ayyaana Irreecha bara 2016 magaala Bishooftuu, kibba baha Finfinneerra 40 km argamtutti kabajamuun dura wal-dhibdee mootummaafi ummata gidduu jiru garmalee ol-guddatee ture. Sababni isaas diddaa waggaa guutuu ummanni gaggeessa ture ukkaamsuuf humnootni tika lubbuu nama 1000 olii galaafatani turan. Namoota kuma kurnaniin lakkaayamanis gara mana hidhaatti guuranii turan. Yero kanatti egaa mootummaan kabaja Ayyaana Irreechaa irratti gayee murteessa baroota darbanii ol ta’e taphachuuf kan yaale. Danqaaleen kunis, towannoo gar malee baayyisuu, xayyaara waraana tuuta uummataarra gadi dhiyeenyaan balaliisuu, abbaa gadaa duraani kan mootumaa faana michooma qabu waltajjii irratti baasu fa’aa ture.

Taatewwan armaan olii marti kabaja ayyaanicha yeroo biroo nagana kabajkamaa ture dirree waraanaa fakkeese. Akkuma abbaan gadaa durii waltajii irratti muldhateen, namni tokko tuuta uummataa keessa gara waltajjiitti ol-bayuun dhaadannoo mormii mootummaa dhageessise. Mormiin ummataa jabaata dhufnaan humnootni tikaa gaazii imimmaaneessu tuuta ummatarratti darbachuu jalqaban. Sababuma kanaan uummanni gaazicha baqachuuf walirra deeddeemu lubbuun namoota heddu achitti darbe.

Namoonni gariin boolla keessatti kufuun achitti ukkaamaman, gariin ammo hokkora san keessatti kufanii tuutni uummataa irra deeme. Gariin ammo gara hora arsadiitti otto baqatanuu bishaaniin liqimfaman. Humnootni tikaa daandii namoonni silaa ittiin bayan cufuudhaan dhaabbatani. Kanaaf warri baqatu filannoo dhabuun kara hin mallettii deemuun boollatti dhuman. Ragaa baatonni ijaa hedduun namoota rasaasan madayanii dirre sanarratti du’an heddu arguu dubbatu. Ragaan ijaa lamammoo humnoota tikaa uffata siviilii uffachuun yeroo namni walirra deddeema turetti shugguxiin namoota ajjeesaa turan arguu ragaa bayu.

Overview map of Bishoftu town and the Irreecha festival site.


Erga balaan kun qaqqabee sa’a muraasa boodas magaala Bishooftuu keessatti hiriirri mormii adeemsifameera. Hiriira kanarrattis namooni hedduun rasaasan dhayamanii du’uu isaani ragaaleen ijaa himaniiru. Torbanoota itti aanan keessattis namoonni Ayyaana Irreecha irratti hirmaatan mana mana isaaniti qabaniiru. Duuti irreechaa irratti ta’e dargaggoota heddu aarsuun gamoole mootummaafi dhuunfa heddu akka barbadeessaniif sababa ta’eera. Onkoloolessa 9, mootummaan labsii muddamaa haalaan ukkaamsaa ta’eefi kan mirgoota bu’uura heddu mulqu seeraan heeyyamu labse. Labsiin muddamaa kun Hagayya, 2017 kaafameera.

Dargaggoon waggaa 26, Gammachuu jedhamu Hiyuumaan Raayits Wochitti akkanatti hime. ‘‘Irreechi bara 2016 isa dur beeknurraa adda ture. Waggaa guutuu mormii gaggeessa kan turre mootummaa kanarra aarii waan qabnuufi. Yeroo mootummaan Ayyaana Irreechaa keenya kabajamaa towachuuf yaalummoo dhiigatu nudanfe. Garuu nagumaan mormaa turre. Hidhattootuma waggaa guutuu nu ajjeessa bayantu gaazii nama imimmaanessu nutti darbe, rasaasas nutti roobsu eegale. Kana booda namni lubbuusaa bafachuuf walirra deemee boollatti nam’e. Badii qaqqabee maraaf kan itti gaafatamu humnootaa tikaa gaafas achi turaniidha’’

Ajjeechaa bara 2016 irratti qorannoon amanamaafi bilisa ta’e tokkoolle hin godhamne. Mootummaan du’aati namootaa qaqqabeef gadda itti dhagayame ibsus humnootni tika hidhatan akka hin jirre haaleera. Ragaaleen viidiyoofi suurraa bakkee Sanaa warabamanii garuu faallaa ibsa mootummaa agarsiisu. Inumayyuu muummichi ministeera ‘yaalii nagaa buusuuf gootaniif ulfaadhaa’ jechuun humnoota tikaa galateeffataniiru. Aangowonni mootumma irra deddeebi’uun badii gayee hunda ‘humnoota farra nageenya’ tuuta uummata keessa turan jedhan irrati kuffisaniiru.

A close-up map of the Irreecha festival site.


Qorannoon bilisaa akka hin gaggeeffamneef mootummaan irra deddeebin danqaa uumeera. Dhaabilee idil-adunyaa waliinis qorannoo kana gochuuf fedhii akka hin qabne muldhiseera. Dhumaattii Ireechaa bara 2016 irratti qorannoon Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa godhe sababa michooma mootummaa Itoophiyaa waliin qabuuf tasumayyuu amanamummaa hin qabu.

Dambileen idil-adunyaa kan akka Dambii itti fayyadaminsa humnaaafi meeshalee waraana mootummoota gamtoomanii akka lafa kaayutti, humnootni tikaa humna fayyadamuu akka hin qabneefi yeroo humna fayyadamuun filannoo bira hin qabnellee bifa walmadaala ta’e qofaan akka ta’e ibsa. Yeroo fayyadamni gaazii nama imimmaanessu gaaga’umsa lubuufi miidhaa guddaa fidu malutti gaazii kana fayyadamuurra akka of-qusatanis lafa kaayeera.

‘‘Sababiin dhumaatiin bara darbee yaalii mootummaan ayyaanicha towachuuf godheedha’’ jedhu obbo Feeliks Hoorni. Bara kana mootummaan ayyaana kana nagaan milkeessuufi walitti bu’insa hambisuuf humnoota tikaa baayyee muraasa fayyadamuu filannoo keessa galchuu qaba. Gamuma kamiinuu, humnootni tikaa fayyadaminsa humnaa balaa fiduu danda’u hundarra akka of qusatanis dhaamaniiru.